Xurree ittiin seenan

Breaking News

Korommiin Kubbaa Miilaa Addunyaa Dorgommii Kubbaa Miilaa FIFA 2018 Irratti Dirree Raashiyaatti Yaa'anii Wal Qoraasuuf Kurfoo Jiran


Meksikootti mataan dhahuutti jira Muddee 16, 2014. REUTERS/Youssef Boudlal (MOROCCO - Tags: SPORT SOCCER) - RTR4IAF4
Meksikootti mataan dhahuutti jira Muddee 16, 2014. REUTERS/Youssef Boudlal (MOROCCO - Tags: SPORT SOCCER) - RTR4IAF4

Waldaa kubbaa miilaa 210 irratti wal dorgomee 32 qofatti walti hafe.Soddomanii lamaan kun guyyaa 30n duubatti dirree kubbaa miilaa magaalaa Raashiyaa 12 walti yaa’anii jabeennaa fi qarooma kubbaa miilaati qaban wal agarsiisan.

Dorgommii Kubbaa Miilaa Addunyaa FIFA 2018 Waxabajjii 14 haga Adoolessa 15,2018 tapahtan.

Dorgommii tana Afrikaa keessaa biyya shanitti dabree taan ardii shanan keessaa dhufan.

Dorgommii tana ardii irra maranii qopheessaan Awurooppaa ganna 12 duubatti irra mare.Awurooppaa keessaa Jermeniin bara 2006 keessa qopheessite.

Gurraa fi iltii addunyaa garuma kormmii kubbaa miilaa tana jirti.Meessii, Ronaaldoo,Neymar….Mohaammad Saalaa…

Biyyitii cuftii ijoollee ufii alaa qabdu yaammachuutti jirti.Masriin ijoollee isii MLS garee kilabii kubbaa miilaa Amerikaa keessa taphattuuf lamaan Oomar Gaberii fi Amro Tarek.

Biraazil yoo taate ganna 6essoof waancaa kubbaa miilaa addunyaa fudhachuuf deemtii.

Tapha qaraa Raashiyaa fi Sawudi Arebiyaatti baraqi walti jedha.

Afrikaa keessaa biyya shanitti dabre.Naayjeriyaa,Senegaal,Morookoo,Masrii fi Tuniiziyaa.

Gareen Afrikaan tapha jalqabaa biyya tattana waliin taphaatti.

Masriin fi Urgaay

Morkkoon fi Iraan

Kirooshiyaa fi Naayjeeriyaa

Tuniiziyaa fi Ingilaandi

Polaandii fi Senegaal

Akkanuma jechaa haga Adoolessa 15n nu gahanii Nugusa kubbaa miilaa ka baranaa beenna.

Biyya 32 dorgommii FIFA 2018 dabaran garee A,B,C,D,E qoodanii taphachiisan.

Gama kaaniin ammoo DC united, kilabiin kubbaa miilaa Waashington DC taphataa kilabii Everton, Wayne Rooney bitachuuf jala maruutti jirti.

Akka Washinton Post jedhetti nama kana $miliyoona 16.2 bitatan.Nama kana kontoraata ganna lamaa haga 2020 bitatan.

Rooniin kun nama EPL Keessaa guddoo beekan. Isaa ganna 16 bitatan gaafasuma goolii galche. Namii ganna suniti goolii galche kilabii sun keessa hinjiru.

Akka amma jiru kanatti Rooniin Everton keessaa bahuu fi dhibaachuuf carraan hrka 50.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG