Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaa fi Sudaan Mormitoota Eritrea Gargaaruf Walii Galan Jedha Mootumman Eritraa


Torban lama dura yeroo muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Dr. Abiyyi Ahimed Sudaan daawwatanii turanitti, mootummoonni biyyoota lameenii, gurmuulee “mormitootaa Ertiraa ti” kanneen ittiin jedhan akka kaayyoo isaanii bakkaan gahatan gargaaruu kan itti fufan tahuu walii-galanii turan – jechuun – Ertiraan ibsa baastee jirti.

Ministirii odeeffannoo Ertiraa irraa ibsa bahe keessatti, “mootummoonni lameen, daangaalee isaanii keessatti, gurmuulee kanaaf gargaarsa barbaachisu akka kennanii fi akkasumas akka biyyoota lameen gidduu walabummaan socho’an ehama barbaachisu akka miijessaniif ka walii-galan tahuu dubbate – mootummichi Ertiraa.

Gochaa wal-gargaarsaa kana qindeessuufis, gama Itiyoophiyaa tii Qonsilli biyyattii Embaasii Itiyoophiyaa Kaartum jiru keessaa hojjetan - Mr. Burhaan ramadamuu isaanii fi gama Sudaanii immoo – Jeneraal Hamiid Muusxafaa ramadamuu isaanii ka dubbate – ibsi Ministrii Odeeffannoo Ertiraa kun, dippiloomaatichi Itiyoophiyaa – Mr. Burhan, nama sochii Jihaadistootaa Qaataariin gargaaramaa jiranii to’atullee jedhee jira.

Dhimma kana irratti, gama Itiyoophiyaa argachuuf, waahelli keenya – Henook Semmagzeer, dubbi-himaa Ministriii dhimma-alaa Itiyoophiyaa – Obbo Melles Alemetti bilbilee argatee ture. Akkana jechuun deebii kennan.

“Himannaan akkanaa yeroo gara Ertiraa tii dhihaatu kun waan haaraa miti. Kabajamoo muummichi-ministaraa – Dr, Abiyyi Ahimed gara Sudaan ka deeman, lameen keenya gidduutti, ajandaaleen misoomaa hedduu waan qabnuufi. Kanaa ala, wanna dubbame sana raaw’achuuf, yeroon isaas qabeenyaan isaas hin jiraatu. Itiyoophiyaa fi Sudaan gidduutti dhimmoota hedduu irratti mariin geggeessamee jira. Kanaa ala dhimma dubbatame sana irratti dubbachuun barbaachisaa hin turre” jedhan.

Mootummaan Ertiraa, yeroo muummichi-ministaraa Abiyyi waamicha araaraa dhiheessan kanatti, kana dubbachuun isaaa qalbii namaa hawachuuf – jechuunis qeeqanii jiran.

Itoophiyaa fi Sudaan Mormitoota Eritrea Gargaaruf Walii Galan Jedha Mootumman Eritraa
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:53 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG