Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa fi Somaaliilaand Keessatti Roobni Jandoo Lubbuu 30 Ol Galaafate


Dhuma torban dabree kana irra Gaanfa Afrikaa keessatti rooba jandoo fi obonboleettii bu’e, namoota soddomaa ol ajjeesee ka biroo kurna hedduu achii buutee isaanii dhabamsiisee jira.

Jandoon obonboleettiin makatee fi “Sagaar” jedhamu kun, Sanbataa fi Dilbata dabre kana bu’ee, magaalaa Somaaliyaa Moqdishoo keessatti yoo xiqqaate namoota ja’a ajjeesuu isaa fi manneen dhibba sadi’ii ol akka bishaaniin liqimsaman gochuu isaa – Bulchaan magaalattii – Abdiraahimaan Omar Osmaan, Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.

Kan ofiin of bulchitu – Somaaliiland keessatti immoo, yoo xiqqaate namoonni soddomii shan, kutaalee Awudaal, Saahelii fi Salaal keessatti du’uu isaanii fi ka biroon hedduun immoo bishaaniin fudhatamuu isaanii dubbatu, aangawoonni Somaalii Land.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG