Xurree ittiin seenan

Breaking News

Andires Inestaa kilabii ganna 22 tapahteef keessaa bahee imimmaan xuruurrachaa fuula Chaayinatti deeffatee dabre


Andres Iniesta
Andres Iniesta

Gabaabaa murqicha lakkoofsa 8 keeyyatee jidduu taphachaa kubbaa adamsa.Gaafa gannii 16 Barseloonaatti gale eegii sunii ittuma jira.

Achumatti ilkaan buqqifatee ganna 22 Barseloonaa taphate,Andres Iniesta.

Ganna kanatti marroo 673 Barseloonaa tapahtee leenjisaan kilabii Baarseloonaa.

Tapha Barseloonaan kalee Real Sociedad 1-0 moote irratti nagaa dhaamate. ”Inestiyaa haguma jireenna jiruu si jaalanna” jedhanii galata galchaniif innii daqiiqaa 82essoo irratti jijjiiranii bahee jennaan. Taphii sun isaa ka dhumaati.

“Milikeetii wayaa keeyyadhee ani taphadhuun wayaa addunyaa cufa caaltu ulfinna kanaan taphadhaa” jedha Inestiyaan.

Gaafa innii keessa jiru Baarkaan marroo 9 dorgommii La Liigaa moote. Dorgommi Waancaa Nugusuaa Copa del Reys marroo jaha,Waancaa Kilaboota Kubbaa Miilaa ammoo marroo sadii qabaadhatte.

Namii kun Waancaa Kubbaa Miilaa bara 2010, Afrikaa Kibbaatti taphatan irratti goolii innii mmuuee iratti Jermenitti Ispeen mootummaan galachiise.

Inestiyaan ganna 22n Barseloonaa keessa jirutti marroo 673 Ispeenii tapahte taphate Andres Iniesta
Inestiyaan ganna 22n Barseloonaa keessa jirutti marroo 673 Ispeenii tapahte taphate Andres Iniesta

Manaajerii isaa Ernesto Valverde nama akka Inestiyaa hin argannuuyyuu gaafa innii nagaa dhaamatee bahe sun manaajerii isaa na jedhee dubbadhaa,” jedha.

Bara 2012 keessa mindaan innii ji’atti argatu Euro miliyoona 5.

Inestiyaan kana Kubbaa miila Chayaanaa Super League bitate.“Miilaan isan irraa faadhullee qalbiin tiyya haguma jirtu cufa isanuma waliin jirti,” jedhee fuula Chaaynaatti deeffatee itti dhaabatee,Andress Inestiyaa,dhiirsii Anaa Ortiz.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG