Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ebola,dhukkubii Afrikaa Dhihaatti akkana nama fixu kaan ammalee yadhufe ogeeyyotii fayyaa addunyaalleen ammoo faanuma jiran


Les infirmières travaillant avec l'Organisation mondiale de la santé administrent des vaccins dans la ville de Mbandaka, en RDC, le 21 mai 2018.
Les infirmières travaillant avec l'Organisation mondiale de la santé administrent des vaccins dans la ville de Mbandaka, en RDC, le 21 mai 2018.

Dhukkubii kun duruu amala akkaatiin Afrikaa gama Dhihaatii mumullatullee bara 2013-2016 keessa ammoo humna jabeeffate nama hedduu fixe.

Dhiigaatti nafa namii qabu cufaan nama keessaa xinniqaa,nafa oowwisee nama bobeessaa amala akka akkaatiin dhufa,

Taatullee akka gaafa qaraa innii dhufe kaan hin sodaatan jedhan ogeeyyotii dhukkuba kanaan wallaanuuf ogeeyyotii addunyaa ta achi dabran.

“Ganna kana qorsa dansaa hojjatanii lafa jirutti jiraa hin fayyisa jedhanii harka 100 itti hirkataniifuu goomittaatti jira.”

Akka kaampaaniin qorsaa,Merck jettetti amma qorsa 8,600 biyya Eboolaa itti argan DRCtti ergite.Qorsii V920 godina DRC Equator jedhanitti ergan.

Qorsa kana nama fayyisee dhibaachuun isaa laaluuf marroo sadii irra deebihani laalan. Taatullee eeyyama kennaniifii biyya tokkollee keesatti qaraa nama hin kennine.

Fayyisuu fi dhibaachuu isaa ammoo ogeeyyotii DRC fi Dhaaba Fayyaa Addunyaatti laala.

Ebbolaan gaafa bara bara 2013 Afrikaa Dhiyaatti argan nama 11 fixee kuma 30 irratti argan.

Haga guddaan Guinea, Liberia and Sierra Leone.Qorsii argan kun V920 nama hedduu lubbuu oolche.

Dhukkubii biyyootii Afrikaa ufi irraa eeguutti jiran.Afrikaa Bahaalleen xuyyuura biyya Eboolaa keessatti argani dhufu ufitti seenuuf hojuutti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG