Xurree ittiin seenan

Breaking News

Korii guddaan pir.,Amerikaa, Doonaldi Tiraampii fi ka Kooriyaa Kaabaa, Kim Un Waxabajjii 12 Singaporitti koratan kaan yahanqate


K bitaa kun pirezidaantii US, Donaldi Tiraampii ka mirgaa ammoo pirezidaanii Kooriyaa Kaabaa Kim Un
K bitaa kun pirezidaantii US, Donaldi Tiraampii ka mirgaa ammoo pirezidaanii Kooriyaa Kaabaa Kim Un

Jarii kun silaa Kora Tokkummaa Mootummotaa Singapooritti taahu irratti kophaatti qoommii walin qabaacuuf addunyaatti himaa bahe taatullee ammatti hin taane.

"Silaa achitti sitti dhufaa jedhee herregachaaa bahe,” jedhe Tiraampi Xalayaa Kiim ergeen. ”Taatullee dallansuu te hamtuu fi hammeenna garaa keetii dhiyoo tana sirratti argeen kora sunillee lakkimne,” jedhe Tiraampi.

“Akka herrga kiyyaatti akkana keessaa kora taatuun waan tahee malee miti.”

Wannii kora kana hambise ta eegee, akka itti gaafamtoota White House keessaa tokko jedhetti, arraba itti aanaan ministera haaja alaa Kooriyaa Kaabaa, Choe Son Hui itti aanaan pirezidaanti Amerikaa Mike Pensiin, “daallee raatuu siyaasaa hin beenne,” jedhe jedhan.

Jarii kun silaa akka kooriyaan Kaabaa nukileera waranaa hin hojjanne tolchuuf koraaf walti yaa’a.

Nukierii mi’awaraanaa hamaa biyytii waliin balleessitu.Tiraampi ammoo “Waaqinuu olchinnaa nukileerii teenna yo namaan aane akka malee humna qabdi,” jedha.

Kooriyaa Kaabaatii fi Amerikaan yoo hedduu nukileeraan wal balleesuuf wal doorsisan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG