Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itoophiyaa waan Jawaar Mohaammad,OMN,ESAT fi Itti Gaafatamaa Ginbot-7 Dr.Birhaanuu Neggaatiin Himate yadhiise


Gama mirgaatiin Jawaar Mohaammad I/G OMN gama bitaa Dr.Birhaanuu Neggaa I/G Arbenyochi Ginbot-7.
Gama mirgaatiin Jawaar Mohaammad I/G OMN gama bitaa Dr.Birhaanuu Neggaa I/G Arbenyochi Ginbot-7.

Abbaan alangaa addaa mootummaa Itoophiyaa Jawaar,OMN,ESATtii fi Dr., Birhaanuu biyya nagaa dhowwan jedhee himachaa bahe. Amma waan himachaa baheen sun ya irraa dhiise.

Akka abbaan alangaa addaa mootummaa Itoophiyaa jedhetti warra kana waliin mootummaa nama 567 waan himatee dhiiseef.

Itti gaafatamaa Oromia Media Network (OMN),Jawaar Mohaadii fi itti gaafatamaa Ginbot-7,Dr., Birhaanuu Neggaa biyya nagaa dhowwan jedhanii himatanii amma ya dhiisaniif jedhan.

Itti gaafatamaan Ginbot-7 ka durii obboo Andaargaachoo Tsiggeelleen warra waan kanaan himatanii ganna afuri hidhamee hardha bahe keessaa tokko.

Walumattuu hardha nama 567 waan himataniin irraa dhiisan.Akka kanaan hardhaayyuu namii hidhaa bahuutti jira.

Namaa fi paartiin 137 biyyaa nagaa dhowwan jedhanii himachaa bahanilleen warra waan himataniin dhiisaniif jedhanii keessaa tokko.

Akka oduu himaan abbaa alangaa addaa Itoophiyaa obboo Tesfaayee Alemnewu VOA-tti himetti jarii dhiifama tolchaniif itti gaafatamaa Ginbot-7 Dr.,Birhaanu Neggaatii fi itti gaafatamaan OMN obboo Jawaar Mohaammad fa.

Warrii biyya nagaa dhowwa jedhanii himatan kun qaraayyuu biyya alaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG