Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nyeencii Atlaas gareen Morookoo ganna 20n duubatti ilkaan qaraa Raashiyaatti dabarte,Ilmaan Nugusalleen Mo Saalaa fudhattee faana dabarte


Garee kubbaa miilaa Morookoo,Atlas Lions

Ilaa fi gurrii addunyaa barana garuma Raashiyaa jira.Raashiyaan waan takkuma hin tahin barana dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa, FIFA2018 qopheessitee namii kuma dhibba hedduu itti dhufuutti jira.

Korommiin kubbaa miilaa addunyaa biyya 32 keessaa dhufan jabaa isaanii guurratanii duula kubbaa miila addunyaatiif istaadiyoomii 11 keessatti wal hadhaniif kuroo jiran.

Gurbaan Masriin mataan dhaabdu, Mohaammad Saalaa dorgommii Awurooppaa Liver Pool fi Real Madrid waliin taphatan irratti gurmuun miidhamtee tapha kana irraayyuu hin hafa jedhan kaan amma Raashiyaa dhaqee taphachuuf abdiitti jira.

Goolii Saalaan daqiiqaa 95essoo irratti Masrii galchetti Masrii dheebuu ganna 28 baasee waancaa addunyaa bara 2018tiif dabare.

Liver Pool bara 2017 Saalaa Euro miliyoona 42 itti baafattee Roomaa irraa bitatte.Eegii Liver Pool dhufee goolii 44 galcheef. Amma Liver Pool keessaa torbaanitti Euro 90,000 baasaniif.

Saalaan lakkofosa 10 fi 11 keeyyatee Marii fi Liver Poolii dura taphata.Nama ganna 25ti duruu akkana goolii adamsa.Masriin marroo sadii Waancaa Kubbaa Miilaatii dabrte; bara 1934,1990 fi 2018.

Gooiii innii daqiiqaa 95esso irratti Masriif galchetti biyya isaa waancaa kubbaa miilaa baranaatiif dabarse.Torbaan dabre ammoo jigee gurmuun wal milixxee imimman cophsaa istaadiyoomii bahe.

Amma dhidhiibuutti jiranii madaa fi buqqahahaa karkarfachaa ilmaan biyya isaa duula dorgommii kubbaa miilaatiif Raashiyaa dhaqan waliin dabra.

Tapha kana Rashiyaa biyya dorgommii tana qopheessitee fi Sawudii Arebiyaatti walti bu’a.

Raashiyaan takkuma dorgommii akkanaa hin kopheesine Sawudiilleen fagoo dhalattee bara 2006 asitti dorgommii akkana tana keessatti mumullatte.

Biyya 32n dorgommii waan kubbaa miilaa addunyaa tanaa dabaran keessallee dandeettiin isiitti urraa jira.

Tapha guyyaa lammeessootti ammoo Nyeencii Atlaas Morokoon Iraaniin didibii jettee wal duuddi

Nyeencii Atlaas,Moroooon bara 1998 keessaa akka hamaan waancaa dorgommii kubbaa miilaa keessaa baasan.Barana dhiiruma waan hedduu herregatan.

Biyya 16 Afrikaa dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa ka qaraatii dabran keessaa ta qaraati.

Dorgommii Waancaa baranaatii dabruuf taphatana hin moohamne,Neenycii Atlasiiti.Morookoo fi Masrin dhiiruma arbaan dhowwan jedhani faarsan.

Eennutti maan taha seetan?

Raashiyaa,biyyitii dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa qopheesstu tun taphuma qaraatiin akka Afrikaa Kibbaa waancaa kubbaa miilaa bara 2010 qopheessitee akka hamaa moohamtee afaan qabahcaa galti moo akkuma Kooriyaan Kibbaa bara 2002 waancaa kubbaa miilaa qopheessitee waancaatti dhiyaattee gurraan galti?

Raashiyaan ta baranaa waliin bara bulchiinsa Soviet Union keessa jirtu waliin marroo 11 waancaa kubbaa miilaa addunyaa keessatti dorgomte.

Eennutti maaniin galata? Biraazil, Arjentiinaa,Ispeen,Jermenii moo Faransaay? Waan namii waltolchu irrumatti laalla.Taphii kun Waxabajjii 14,2018 jalqaba.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG