Akka waajjirii muummee ministeraa jedhutti Jeneraala Ahmed Caamsaa 30, 2010 jalqabanii hujii tanatti filanii nama hujii akkanaa hedduu hojjatellee.
Jeneralaal Ahmed kana pirezidaantii Itoophiyaa Dr.Mulaatu Teshoomeetti Ammajii 26, 2010 jeneraalummaa kenneef.
Namii kun bara baallii muummee minsitera Itoophiyaa Hayilee Maariyaam Dessaalenyi keesatti itti aanaa itti gaafatamaa waraana Itoophiyaati.
Gama kaaniin ammoo gorsaa nagaa biyyoolessa muummee ministera Itoophiyaa obboo Abbaaduulaa Gammadaatii fi Amerikaatti ambaasaaddera Itoophiyaa ka duruu Girmaa Birruu fa ammoo ya baallii irraa guuran.
Obboo Abbaanduulaa bara hedduu afi-yaahii paarlaamaa Itoophiyaa tahee hojjate.
Ambaasaadder Girmaan ammoo ministera dinagee fi ministera dingagee tahee hojjachaa bahe.
Obboo Sibihaat Naggaa,Dr.Kaasuu Ilaalaa,obboo Bellexee Taaffesee,obboo Taaddeee Hayilee faatillee itti gaafatamtoota mootummaa federaalaa dhiyoo tana baallii irraa guure keessaa haga tokko.