Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii OSFNA baranaa Adoolessa 21-28 Denver,Koloraadootti Taphatanii Kilaboota Kubbaa Miilaa Oromoo 32ti Itti Dhufaan Abdatan


OSFNA 2016 Istaadiyoomii Jemsi Giriifn St.Paul MN
OSFNA 2016 Istaadiyoomii Jemsi Giriifn St.Paul MN

OSFNA (Oromo soccer tournament of North America) Waldorgommii Federeshiiniin Kubbaa Miilaa Oromoo Amerikaa Kaabaa gannuma gannaan qopheessu.

Dorgommiin baranaa tun 22essoo.Dorgommii baranaa Summer of Bilisummaa Ganna Bilisummaa jedhaniin.

Torbaan Oromoon biyya akka akkaatii walti dhuftee qophii aadaa, gammachuu, ispoortii,marii siyaasaa fi waan hedduu qopheessan tanaan Torbaan Oromoo jedhan.

Bulchiinsa Amerikaa qophiin akkanaa godina isaatti qopheessanitti maqaa kana seerumaan kennaaf.

Bulchiinsii magaala qophii akkasii keessatti qopheessanilleen dorgommii akkanaatti dhufee ummataan wal dubbataa,karoora bulchiinsa isaaniillee itti himaa wal mari’atan.

Makaarim Abdaa, boordii OSFNA ta baranaa keesaa nama tokko. Qophii baranaa dorgommii saaphannaa,fiigihcaa,qophii bashanannaa fi hedduu qabdii jedha.

Koloraadoon teessuma lafaatiin teennna fakkaattii gaarrenillee hin qabdii koottaa laalaa jedha.

Dorgommii OSFNA baranaa kilaboota 32 diviziyoon ‘A’ fi diviziyoon ‘B’ jedhanii fulaa lamatti baasan.Diviziyoonin ‘B’ yoo jabaate gara Diviziyoonii ‘A’ tahee oli guddata.

Dorgommii baranaa tana istaadiyoomii Koloraadoo jiru Adams Stadium keessatti qopheessan.Akka Makaarim jedhutti istaadiyoom kun fulaa makiinaa dhaabatanillee hedduu qaba.

Makaarim nama barusma Software Engineering keesaa damee barumsaa Software Developer barate. Akka namii dorgommii tana daawwatu saatuma saatiin tapha kana quba qabaatu soccer stats qopheessine jedha. “Eennutti kaardii argate,eennutti goolii galche,eennutti maal hojjate…” jedhanii baasanii yoosuma baafana jedha.

Akka kilabiin ijoollee tana bitachuu fedhanilleen odeeffannoo isaanii qabaatan tolchuuf.

Jarii dorgommii tana dhufulleen Koloraadoo dhufee istadiyoomii seenuuf hiriira dheeraan keessa turuu mannaa tikeetii online irraa bitachuu dandahaa jedha Makaarim.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG