Xurree ittiin seenan

Breaking News

D. Abiyyi Masrii Dawwatan. Lammiiwaan Itoophiyaa Mana Hidhaatii Baasisan

Muummeen ministiraa Itoophiyaa fi pireezdaantin Masrii akkaataa fayyadama laga Abbayaa laalchisee mariin geggeessan milkaahuu hoggantoonni lamaan beeksisan.

Muumichi ministraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad hidhaan guddichi laga Abbayaa irratti ijjarramaa jiru bishaan Masriin argattu akka irraa in hirrisne waadaa galan. Pirezdaantiin Masriis karaa isaanii, biyyoonni lamaan akkataa itti fufiinsa qabuun wajjin hojjachuuf kutachuu dubbatan.

Karaa biraatiin, turtii isaani Masrii booda Dr Abiyyi, miseensa DH.D.U.O. ol'aanoo an turaan Kol. Abbabaa Garaasuu fi Obbo Yoonatan Dhibbisaa bakka baqattummaadhan jiraachaa turan Masriidha gara biyyaatti akka deebi'an haala mijeessanni, lammiiwwan Itoophiyaa mana hidhaa turan amma tokkos hiiksisuudhan xiyyaaruma ofiitti fe'atanii gara biyyaa deebisan.


Caalaa agarsiisi

XS
SM
MD
LG