Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koromtoon Kubbaa Miilaa Addunyaa walti haadhachaa baate taan Raashiyatti baraqqi walti jechuuf bori barii lafaa qofa walti egachuutti jirti


APTOPIX Russia Soccer WCup FIFA Congress
APTOPIX Russia Soccer WCup FIFA Congress

Dhiira waraana kubbaa miilaa addunyaa keessaa filan 736ti biyya 32 keessaa walti dhufa.

Warrii filan kun ka duruu addunyaan doolara miliyoona hedduuttin bitachuuf jala maraa baate.Dorgommii tana Raashyaa fi Sawudii Arebiyaatti bori didibbi walti jedha.

Raashiyaa fi Sawudii Arebiyaa: Awurooppaa fi Eezhiyaa

Raashiyaan sadarakaa FIFAn bara 2018 baaseen dandeettii kubbaa miilaatiin 70essoo jirti. Garee kubbaa miilaa guddaa jabduu jedhan qabaachuullee baattu tapha kana qopheessuu fi biyyaa fi biyyee isii irratti taphatanii muddamsuu keessa jirti.

Dorgommii akkanaa qopheessuuf ganna 8 itti qophoofte taatullee ufi gama kubbaa miilaa kanaa waan guddoo jajan hin qabdu.Doolara biliyoonba 700 itti baaftellee jedhan.

Ta baranaa waliin Sawudiin marroo afur dorgommii akkanaatii dabartee taatullee takkuma hin moone. Sadarkaa FIFAn baaseen dandeetii kbubaa miilaa isiitiin 67essoo jirti.

Leenjsiaan isii Juhan Antooniyoo leenjisummaa Chiilee fixatee jennaan bara 2017 Sawudii itti kennan.Bara 2016 akka Sawudiin Copa America mootu tolchee waancaa kubbaa miilaa bara 2018tiin gahe.

Namii Sawudiin mataan dhaabdu Al-Sahlwwii fa.Miilii isaa yoo kubbaa argu haga qaraallee caala hin ariifat jedhan.

Masrii taan fi Uraagaay: Afrikaa fi Latin America.

Biyyaa fi biyyeen Uraagaay namicha biyya isii ka marroo lamaa sadiillee tapha irratti dallanee ilkaanin nama nyaate,Suhaarez eegatti.

Gurbaan ganna 31 kun Waancaa Kubbaa Addunyaa irratti marroo shan goolii galfate.Tapha waancaa addunyaa bara 2010 fi 2014 Afrikaa Kibbaatii fi Biraazil irratti goolii shan galfatee jabaa addunyaa jedhaniin. Yoo dallanu ilkaanilleen nama irraa hin goru.

Masrin biyya shan Waancaa Kubbaa Miilaa kana FIFA2018 dabruuf lammeessoo taate.Masriin biyya lammeessoo dorgommii tanaa Afrikaa keessaa filatamte lammeesoso.

Sadarakaa FIFAn baaseen dabarte Masriin 45essoo.Gaafii eegee isiin kubbaa miilaa addunyaatiif dabarte bara 2014ti taatullee takkuma biyya 16 biyya 16n keessaa filatan hin taane

Leenjisaan isii,ka durii Valencshiyaallee leenjisee maqaa isaatiin gareebn isaa,Faraahoon waancaa moote Hector Cupe kialbii tana bara 2015 itti kennanii dhiibuma dhiibee dorgommii Waancaa Afrikaa bara 2017tiin gahe.

Gaafa isiin waancaa kubbaa miilaa bara 1990 dabaratellee namicha isiin Arjentiinaa bitatttetti achiin gahe.

Namii isiin mataan dhaabdu,Mohaammad Saalaati. Tapha FIFA kanaa dabruuf goolii innii harka 71 galchetti dorgommii tanallee dabarse. Saalaan amma Liverpooliif taphata.

Urugaay dorgommii kubbaa miilaa addunyaa tanaaf dabruuf Latin America keessaa barana lammeessoo baate.Sadarkaaa FIFAn kaahee addunyaa keessaa 14essoo jirti.

Uraagaay waancaa kubbaa miilaa kana marroo afur dorgomte. Dorgommii eegee ammoo bara 2014 dorgomtee walumattuu marroo lama shaampiyoonaa FIFA taatee marroo 12 dorgommii akkanaa tanaaf dabarte.

Ka eegee 2014 marroo lama dhumaa dhiyaattee marroo lama shaampiyona taate.Leenjsiaan Uraagaay Oskaara Tabaarez nama bara 1990 bara 2010 fi 2014 gareen tana dhidhiibee asiin gahe.

Masrii moo Uraagaayitti mootummaan galata? Namii harkii 20 Masrii jedhaa harki 14 ammoo walqixxee bahan jedha harki ammoo keessaa hin beennu jedha

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG