Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ronaaldon 3 itti guure,Diyaagoon 2 dabalate, ta Afrikaa lamaan Morokoo fi Masrii 1-0 moo’an; korommiin kubbaa miilaa Rashiyaatti walti jirti


Ronaaldoonmarroo 151 Ispeenii taphatee marroo 51tapha tokko irratti sadii galfatee(hatrick) Raashiyaa Waxabajjii 15, 2018.
Ronaaldoonmarroo 151 Ispeenii taphatee marroo 51tapha tokko irratti sadii galfatee(hatrick) Raashiyaa Waxabajjii 15, 2018.

Kalee jalqaban hardhallee waluma irra oolanii haga ammaattuu goolii 13 gale.

Korommiin kubbaa miilaa addunyaa tapha Kubbaa Miilaa Addunyaa FIFA2018 istaadiyoomii Raashiyaatti wal jiran kun ta biyya 32ti.Afrikaalleen biyya shan keessa qabdi.

Tapha hardhaatti ijoolleen Afrikaa; Masrii fi Morookoo dhahum dhani ufi irraa dhowwanillee 1-0 moohan.

Woma Iraan Morokoo tolchite Uraagaayilleen Masrii tolchite 1-0 moote,sunuu saatii hobbaate irratti.Iraan daqiiqaa 94essoo irrati Morkootti goolii galchite.

Goolii tokkottii sunilleen gurbaa Morookoo taphatu Aziz Bouhaddouzitti daqiiqaa 95essoo irratti dongoraan goolii ufiitti galche akka Iraan 1-0 mootu tolche.

Uraagaay baranallee Masrii 1-0 mootee sunuu saatii hobbaate irratti.Masriin Uraagaay gudduma aatee dhowwatte.

Yo ijoolleen isii Uraagaayitti caaccoftee aatee kubbaa irraa buufattu, Mohaammd Saalaa,gurbaa Masriin mataan dhaabdu akkuma nama madaa koffatuu barcuma irraa ciniinnachaa ila quqqulumsa.

Adoo innii ilaa fi qalbiin kubbaa gula maruu taphilleen dhumachuuf saatilleen dhikkifattuu gurbaan Uraagaay, Edison Kavani gurbaa Masrii, Mohaammad El Shraawy kurkursaan dhahee lafa buuse.

Eegee ammoo Jose Gimenex ammoo kubbaa roga itti kennan mataan goolii Masrii keessa buuse.Mohaammad Saalaa fuluma taahuutti diriifate.

Uraagaay bara 1970 asitti baruma kana tapha jalqaa Waancaa addunyaa irratti goolii galfatte.Gaafasitti Isaraahel moote.Yoo hedduu tapha lammeessoo fa irartti galfatti.

Ijoolleen Uraagaay yoo hedduu saatii hobbaateee iratti goolii galfatti.Waancaa kubbaa miilaa bara 1990 irralleetti gubraan isaanii Fonsekkaa daqiiqaa 92 irratti goolii tokko Kooriyaa Kibbaatti galchee taphii sunumaan hobba’e.

Uraagaay bara waancaa kubbaa miilaa bara 2006 irralleetti Masrii 2-0 moote. Uraagaay tapha hardhaatti marroo 24 ijoollee Masrii irraa kubbaa buufatte.

Uraagaay marroo sadii waancaa fudhatte. Afrikaanuu takkuma Uraagaay hin moone.

Ijoollene Masrii Uraagaay jabeessite ufi irraa dhoorte taatullee Luis Suhaarez qaahaa itti argatee tapha qaraa irratti ittuma midhaaffate dibbi tolche.Kubbaa xiixaa dabartee sibiilaa dhooftee deebite.

Gurbaan Masrii goolii eegu Mohamed El Shen kubbaa Kavaanii fi Shuaarez hedduu ufi irraa dhowwe.

Ispeenii fi Poortugaal-jarii lamaanuu warra jaala kubbaa miilaatin machaahe. Tapha hardhaatti 3-3n gargar galan.

Ronaaldoon hardha goolii sadii galfatee(hat trick).Ronaaldoon ta hardhaa waliin tapha kilabii fi biyya isaatii taphateen haga ammaatti marroo 51 hat trick hojjate tapha tokko irratti goolii sadii galche.

Ronaaldoon goolii sadeenuu daqiiqaa 4,44, fi 88 irratti galcheef.Ispeenilleen Diaayoo irraa gooli lama argatte.

Diyaagoon goolii qaraa daqiiqaa 24 ka lammeessoo daqiiqaa 55 fi ka sadeessoo ammoo Naachootti daqiiqaa 58essoo irratti galche.

Ronaaldoon nama ganna 33ti marroo 151 biyya isaa,Ispeen taphatee goolii 84 galcheef.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG