Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhiirtii 736 addunyaa walti filan taan dorgommii FIFAf Raashiyaatti wal qoraasuutti jirti, Ingilandi ittuma dootee Tuniiziyaa 2-1 qaarifte


Tapha kana irratti Biraazilii fi Siwitzerladni lanqaansoo jigan,walqixxee 1-1 bahan.
Tapha kana irratti Biraazilii fi Siwitzerladni lanqaansoo jigan,walqixxee 1-1 bahan.

Korommiin addunyaa dorgommii kubbaa miilaatiif Raashiyaa keesastti wal qoraasuutti jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:19 0:00

Waancaa kubbaa miilaa FIFA2018 Raashiyaatti itti jiranii amma guyyaa afbreessoo keessa jiran.Biyya 32ti nama diddamii sadii-sadii walti filatee istaadiyoomii Raashiyaa 11 keesastti walti jira.

Haga ammaa marro 14 taphanii gooliitt gale. 32.Serbiyaan Kostaa Rikaa, Meksikoon Jermenii Swidin Kooriyaa Kaabaa 1-0 qaqaarsan.Biraazilii fi Siwitzerlaadni Ayislaanii fi Arjentiinaan ammoo lanqaasnon jigan ykn walqixxee tahan(1-1).

Faransaay Awustiraaliyaa 2-1,Ingilaandi Tuniiziyaa 2-1 lafa keettee. Kirooshiyaan Naayjeeriyaa ammoo 2-0, Beljiyeem Panaamaa 3-1 baphi tolchite.

Ayislaandii fi Arjentiinaa

Sadarkaa FIFAn baaseen dandeetii kubbaa miilaa Rjetiinaa barana 5essoo Ayislaandi ammoo 22essoo.

Arjentiinaan marroo 17 Waacnaa Kubbaa Miilaa taphatte Ayislaandi ammoo takkuma hin taphannee hin dabarallee.Arjentiinaan nugusa kubbaa miilaati.

Ijoollee kubbaa miilaa isii nama akka Meessii fa akkuma korma qootii dooalra miliyoona hedduutiin barbaada yaa’an.

Ayislaandi iddoolaa diqqayyuu addunyaalleen walhanqatte qubattuu ummatii isiilleen 335,000 qofa.Tapha Awurooppaa bara 2016 irratti ammoo Kirooshiyaa,Yukreenii fi Turkii Ukraine qaqaariftee armaan baate.

Yoo wal bira qaban namuma araba fi taffii walqixeesse taatullee kubbaan Meesii faatii qoma gurbaa Ayis laandii goolii eeguu bira hin dabarre.Kubbaa Arjentiinaa 16 oli taan qomaan dhowwaa taan itti kuruphata.

Wallaansoo tana akka dhaabii qorannoo Amerikaa Nielsen Media Research jedhutti nama miliyoona 2 fi 973tti TV laale.

Tapha kanaaf Arjentiinaan Meesi istaadiyoom gama mirgaatiin kubbaa gooliitti hadha Di Maariyaan gama bitaatii itti oli oofaa, Aguheeroon jidduu jiraaf.

Tanuma keessaa Sergiyoo Aguheeroo 19’ irratti goolii Ayisaalditti kubbaa liphi tolche.

Gurbaan Ayislaandi Björn Bergmann daqiiqumja 4:23’ qofa jalaa hafee qooliitti cuqqaaleef.Akka kanaan lanqaansoo jigan.

Arjentiinaan Arjentiinumaa boqannaan duubatti marroo 16 goolii galchuuf itti gaggamate.

Lionel Meesisi waan takka hin tahin tapha kalee irratti kubba adabbii dhabee gurbaan irraa qabate.Sunuu daqiiqaa 64essoo iratti dhabe namii Arjentiinaa yoosi naasuun harkii afaanti goge.

Namii Ayislaandi ammoo ijoollee isaanii ta kubbaa Arjentiinaa tana aatee akkana ufi irraa dhoortuuf achumaan gammachuun raphe jedhe. Silaafuu ammallee waltuma maran.

Biraaziii fi Switzeradnilleen lanqaason jigan.Biraazil bara 1978 asitti bara kana tapha waancaa kubbaa miilaa jalqabaa irratti adoo hin moohin baate.Gaafas Siwiidiniin 1-1 gargar baate.

Biraaziliiyyuu akka durii kaan nyeencaa mitii waancaa kubbaa miilaallee ganna sadii hin moone.

Taatullee ammallee nugusma kubbaa miilaatii waancaa kubbaa miilaa 20 keessaa shan mote.

Wannii waraanuma jijjigaa walti kakkahanii taphii kun ammallee dhuamchuf butolii 27 caalaa ala jira.

Ingilaandilleen Ingilaadnitti didibbi walti jedha.Tuniiziyaan tapha waancaa kubbaa miilaa 12 irratti takkuma hin moone.Bara 1978 ammoo Meksikoo 3-1 garafte.

Ingilaandi ammoo marroo torba ta armaan duratti waancaa kubbaa miilaa irratti Afrikaan walti marte cufaa hinuma mooti.

Ingilaandii fi Tuniiziyaan Waancaa Kubbaa Miilaa bara 1998 irratti tapha istaadiyoomii Marsillee,Faransaayitti irratti 2-0 dhaane baase.Barana ammoo akkuma taatettuu 2-1 moote.

Afrikaan tapha bara kanaa tokkollee hin moone bori ammoo Senegaalii fi Polaanditti taphata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG