Xurree ittiin seenan

Breaking News

Senegaal Polaandi 2-1 mootee Afrikaan hafuura fudhatte Rashiyaan Sawudii 5-0 billiqi tolchite taan Masriillee 3-1 itti dukkanessite


Ijoollee Senegaaliitti moohee jennaan Senegal
Ijoollee Senegaaliitti moohee jennaan Senegal

Waancaa kubbaa miilaa hardha waliin guyyaa shaneessoo keessa jiran haga ammaatti goolii 42 galee marroo 17 tapahtan

Tapha hardha Senegaalii fi Polaandi waliin tapahtan irratti Senegaal Polaandi 2-1 mootee Afrikaa furte.Biyyitii Afrikaa haga ammaa dorgommii baranaa irratti taphatan tokkolleen hin moone;ta akka Naayjeeriyaa fa 2-0 qaarisan.

Masrii silaa abdatan taanillee Raashiyaatti hardha 3-1 lafaan gahe. Raashiyaan dorgommii kubbaa miilaa baranaa qopheessite tun tapha gaafa dorgommii baranaa taan irratti 5-0 Sawudii gaggabsite.

Masriin takkumaayyuu garee Awurooppaa Waancaa Kubbaa Miilaa irratti hin moon. Tapha lama walqixxee baatee lama ammoo

Raashiyaan goolii isii daqiiqaa 47,59 fi 62essoo irratti galfatte. Raashiyaa dorgommii barana qopheessite tun tapha isii ta qaraa irratti goolii shan lafaa qabdii ammallee hardhallee sadii dabalatte.Goolii isiin Waancaa Kubbaa Miilaa bara 2002 fi 2014 jidduu galfatteeyyuu yoo walti daran hagana hin geettu.

Goolii takkitti Masri tana Mohaammad Saalaatti daqiiqaa 73essoo irratti kubbaa adabbii dhiitee galcheef.Saalaan gurmuu dhidhiibachaa bahee hardha taphatti deebi’e.

Goolii Senegaal ta qaraa Thigaatootti daqiiqaa 37essoo irratti lammeessoo ammoo Mibaayeetti daqiiqaa 60essoo irratti keessa buuseef.Poolandillee gurbaa isii Gizgerzitti daqiiqaa 85esso iratti liphi itti tolcheef.

Jarii kun takkumaayyuu waliin hin taphanne. Akka taphaatti harka 61 Polaanditti fulaa qabatee taphatee akka wa balleessuutti ammoo Senegaalitti marroo 15 seera taphaa balleesse.

Tapha boriitiin ammoo Morookoo fi Poortugaalitti waliin taphata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG