Xurree ittiin seenan

Breaking News

Arjentiinaan hin dandamanne 3-0 qaarisan,Masrii,Morookoo fi Peerullee ya itti fa'anii galchan korommiin kubbaa miilaa waluma dhahuutti jirti


Kirooshiyaan Arjentiinaa 3-0 mootee Lionel Meesii mataa qabachiifte
Kirooshiyaan Arjentiinaa 3-0 mootee Lionel Meesii mataa qabachiifte

Marroo 23 taphatanii goolii 51ti gale jiganii waltumatti kahuutti jiran.Masrii ya keessaa dhidhimsan,Morookoolleen faanuma dabarte peeruulleen sunuma.

Koromommiin kubbaa miilaa addunyaa istaadiyoomii Raashiyaa keessatti waluma sigisuutti jiranii 32 keessaa 16 walti hafuuf deema.

Akkuma kanaan Kirooshiyaalleen hardha Arjentiinaan 3-0 qaarifte.Arjentiinaa fi Kirooshiyaan tana waliin marroo shan waldorgoamn Arjentiinaan lama moote.

Kirooshiyaan ammoo marroo tokko mootee lachuu Meesiitti galche.Meesiin tapha kana irralleetti amrroo 11 galchuuf itti gamee taatullee 3-0 moohanma.

Kirooshiyaan lola bara 1991-1995 keessaa Yugosilaaviyaa irraa cittee baatee bilisoomtee asi kubbaa miilaatiin guddachaa dhufuutti jirti. Akka henna bara 2017 diqquma miliyoona afur caala.

Waancaa Kubbaa Miilaa baranaa FIFA2018 haga ammaatti Kiristiyaanoo Ronaaldotti goolii afur galfatee dura jira.Warrii tapha lama moohame xaxatee keessaa gala.

Tapha hardhaatiin Denmaarkii fi Awustiraaliyaan lanqaansoon jigan walqixxee bahan 1-1.Akka amma jirutti Raashiyaa,Faransaay, Kirooshiyaa fi Urugaay qabxii jahaan dura jiran.Bori ammoo akkuma isiin bariiteen Kostaa Rikaa fi Biraazilitti walti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG