Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaatii fi Eertiraan araaraaf fuula walti diriirfachuun Amerikaa fi Koomishiina Afrikaallee abdii itti hore


Kaartaa daarii Itoophiyaa fi Eertiraa
Kaartaa daarii Itoophiyaa fi Eertiraa

Waraanii biyyitii tun lamaan Baadimmee irratti wal dhabanii bara 1998-2000 wal hadhanii nama kuma kurnya hedduu wal irraa fixan qalbii nama hedduu keessaa hin badu.Waan dabre bira dabranii araara barbaada yaahuutti jiran.

Faluma kana dhaabuuf muummeen ministera Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmed Eertiraa marii yaame.Guyyaa dheengaddaa pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afewarqii jaarrolee araaraa fi marii Itoophiyaatti erguuf murate.

Akka ministirii haajaa alaa Amerikaa jedhetti Isaayaasii fi Dr.Abiyyi jabaatanii araaraa kana durattiin deemuuf murtan.

Amerikaan akka biyyitii lachuu marii fi araaraa kana akkuma dansaa duration deeman feetillee.

Koomishineerii Waldaa Afrikaa, Muusaa Faaqiilleen dansoomii hariyummaa Eertiraa fi Itoophiyaa dhiyoo mumullatu waan abdatan jedha.

Mootummaan Itoophiyaa wal dhaba Itoophiyaa fi Eertiraa waan Aljeeriyaa,Aljersi irratti walii galan akkuma jirutti fudhachuuf eeyee jettee.

Herregii pirezidaantii Eertiraa yaada araaraa kana fudhatee jaarrolee araaraa Itoophiyaatti erguuf jedhelleen yaada ulfinnna qabu jedha koomishineerii Muusaan.

Bakk buutuun damee nagaa fi himaammata nagaa fi haajaa alaa Waldaa Awurooppaa, Firedirikaa Mogeriiniilleen wannii Itoophiyaa fi Eertiraan araaraaf jedhanii tahuutti jiran waan jabessaati jetti.

Jarii araaramuun ammoo akka jecha koomishineera tanaatti gaafa Afrikaatiifuu nagaan dhufa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG