Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamisii galee heddutti galuu karaa jira haga ammaa goolii 97ti gale, dhiirtiii addunyaa dorgommii FIFA 2018 keessaa wal dhidhimsumatti jirti


Gurbaa poortugaal Edison Cavaniitti Iraanitti gooli galchee akkana qiliixamaa ceha. Iraan tanumaan keessaa galte
Gurbaa poortugaal Edison Cavaniitti Iraanitti gooli galchee akkana qiliixamaa ceha. Iraan tanumaan keessaa galte

Dhiirtii dorgommii kubbaa miilaa addunyaatiif Raashiyaatti walti filan eegii torbaan lamaan duratti qaxi walti jettee haga ammaallee waltuma jirti.

Biyya 32ti wal yaa’ee 16ti walti hafa. Hagii walti hafu ammaa gamisaan ya beekan;Poortugal,Uraagaay,Kirooshiyaa, Faransaay, Meksikoo,Beljiyeem, Ingilaandi..

Ingilaandi Panaamaa 6-1 qaarifte. Goolii qaraa gurbaa isii Ingilaandi kilabii Totten Ham keessa dhufatteen, Harii Kaneetti daqiiqaa 8essoo irratti liphi itti tolcheef. Daqiiqaa 14 qofa jalaa hafetti goolii lammeessoollee itti dareef.

Adoo lamaa dubbatanuu sadeessoollee keessa buuseef. Akkanuma wal irraa fufuudhaa Ingilaandi Panaamaa 6-1 dhuqi tolchite.

Woma Ice Land tapha Waancaa Awurooppaa bara 2016 irratti Ingilaandi tolchite Ingilaandilleen baranama Panamaa tolchite.

Gurbaan Panaamaa Felippeen akka biyyitii isaa dhaba hin galleef daqiiqaa 78essoo irratti goolii tokko galcheefii biyya isaa gurraan galche.

Tapha Beljiyeem goolii shan Tuniiziyaatti galchite ka Tuniziyaalleen goolii lama galfatte kana irralleetti goolii qaraa Hezaarditti 6’ 51’ irratti gaclheef Lukaakuun ammoo 16’ 45’ irratti itti ida’eef.

Tuniziyaallee gurbaa Dylanii fi Wahibitti 15’, fi 93’ irratti galcheef.Tapha kaleetti Senegaalii fi Jappaan 2-2 Kolombiyaan, ammoo Polandi 3-0, hardh ammoo Uraagayaa Raashiyaa 3-0,Sawudiin Masrii 2-1,Iraanii fi Poortugaal 1-1,Ispeenii fi Morookoon ammoo 2-2 gargar galan.

Akkana jechuun ammoo Iraan jabaattee dhowwattullee qabxii diqqaa qabdii ya keessaa galte.

Seera tapha waancaa kubbaa miilaa baranaatiin kilabiin tokko yoo namii isii seera malee taphatee kaardi hadhoo ykn keelloo fi diimtuu kennaniif qabxii dhabdi.

Marroo tokko kaardii diimtu argannaan ammoo qabxii 4 dhaban.Yoo biyyitii lama ammoo qabxiin walqixxee taate ta kaardii diimtuu fi kaardii hadhoon adaban gargara laalan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG