Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensonni Gola Naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa Waliigaltee Nagaa Itoophiyaa fi Eertiraa Dinqisiifatan


Miseensonni gola naga-eegumsaa, ka Tokkummaa Mootummootaa – walii-galtee nagaa fi michoomaa, prezidaantii Ertiraa – Isaayyaas Afewarqii fi muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Abiyyi Ahimedin, Adoolessa sagal, bara 2018 mallatteessame dinqsiifatanii jiran.

Hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameen gidduu haaressuudhaan, boqonnaa haaraa ka wal-gargaarsaa fi michoomaa banuuf cicha hoogganoonni biyyoota lameenii agarsiisan – ka faarsan – miseensonni Gola naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa, murtii Koomishina daangaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa qabxii shan of keessaa qabu hojii irra oolchuuf walii-galuu isaaniillee galatoomfatanii jiran.

Tarkaanfiin kun seena-qabeessaa fi jijjiirama guddaa tahuu ibsanii, bu’aan isaa guutummaa Gaanfa Afrikaa fi sanaa oliif qooda guddaa akka qabaatu hubachiisee jira – ibsi Gala naga-eegumsaa, ka Tokkummaa Mootummootaa kun.

Itiyoophiyaa fi Ertiraan, nageenya, guddinaa fi wal-gaarsa naannoo sanaaf waliin hojjechuuf cichuu isaanii dinqsiifachuudhaan, Ertiraan gara miseensummaa EGAD-tti akka deebitu kan eegu tahuullee beeksisee jira.

Biyyoonni miseensota Gola Naga-eegumsaa ka Tokkummaa Mootummootaa deemsa nageenyaa kanaaf akka degersa gama isanaii gumaachaan waamicha godhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG