Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka koomishiinii Poolisii Federaala Itoophiyaa jedhetti waan Injineer Simmenyewu Beqqelee ijjeese qorachuutti jiran


Injineer Simmenyewu Beqqelee,itti gaafatamaa guddaa hujii Hidhaa Abbayaa.Adoolessa 26,2018 du'ee makiinaa keessatti argan
Injineer Simmenyewu Beqqelee,itti gaafatamaa guddaa hujii Hidhaa Abbayaa.Adoolessa 26,2018 du'ee makiinaa keessatti argan

Muummeen ministera Itoophiyaa imaltuuf Amerikaa jiru Abiy Ahmed du’a injineerii kanaa hardha Amerikaa gahee dhagahe “du’a injinerea kanatti guddoo garaa hammaate.”

“Hujiin innii hojjachuutti jiru du’a tanaan hin dhaabattuuu,hin turtuu,jaalalaa fi walti dabalmuulleen biyyiti jalqabdelleen tanaa jettee jidduutti hin cittu,” jedha muummeen ministreraa

Muummeen minsitera maati injineer Simmenyewuutiin jajjabaadhaa irraa hafaa jedhee itti dhaame.

Itti aanaan muummeen ministera Itoophiyaa Demmeqee Mokonninileen du’a injineera kanaatti guddoo garaa hammaate.

Inijieerni kun hujii akkanaa ta dhibiillee guddoo biyya keessati hojjatee jedhee galateeffate.

Manii marii federeshiinii Itoophiyaa Injineera Simmenyewu nama bara isaa ummata gargaaruun beekamu,fayyaa itti dhabe eegee ammoo lubbuu itti dhabe jedhe.

Injineera Simmenyey akka poolsiin federalaatti ganama kana saatii 2:20 irratti reeffa makiinaa innii harkaa qabu keessatti argan.

Akka koomishiineii Poolisii Federaala Itoophiyaa Zeynuu Jamaal jedhetti waan injineer Simmenyewu ijjeese qorachuutti jira.

Guyyaa awwaalaallee ammatti waan mirkanaa hin qamnu

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG