Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Naannoo Somalee Duraanii Gara Finfinneetti Imalan


Kan kaleessa taayitaa irraa bu’an prezidaantiin bulchiisa naannoo Somaalee Abdii Mohaammed Omaar yokaan Abdii Illee, har’a, magaalaa Jijjigaa gad-lakkisanii bahuun isaanii, maddeenii fi aangawaan bulchiinsa naannoo Somaalee tokko Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf mirkaneessanii jiran. Prezidaantichi duraanii Abdii Mohammed Omaar, hojiidhaaf gara Finfinneetti qajeelan, jedhan aangawaan sun.

Gama biraatiin, maddeen Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti prezidaantiin bulchiisa naannoo Somaalee Abdii Mohammed Omaar, miseensota kaabinee lamaa fi afaan-yaa’ii bulchiisa naannoo sanaa waliin, walii-galteedhaan gara Finfinneetti imaluu isaanii maddeen, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf mirkaneessanii jiran.

Magaalaan Jijjigaa, guutummaatti to’annaa raayyaa ittisuaa jala eega galtee booda, kanneen sababaa hookkaraaf manneen isaanii gad-lakkisanii dheesanii, waldaalee kiristaanaa fi bakkawwan adda addaa da’atanii turan gara manneen isaaniitti deebi’uu isaaniis jiraattonni dubbatanii jiran.

Bulchiisa naannoo sanatti, daarektara dhaabbata Horsiisee bultootaa fi beeladaa – Obbo Guleed Awwalees, kanuma mikaneessuudhaan, magaalaan jijjigaa amma tasgabbaawuu ishee himanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG