Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Prezidaantiin Ripublikii Dimookiraatawa Koongoo Dorgommii Filannoo Keessaa Of-baasuu Simate


(Twitter/Présidence RDC)
(Twitter/Présidence RDC)

Yunaayitid Isteetis, prezidaantiin Ripublikii Dimookiraatawa Koongoo – Jooseef Kabiilaa filannoo dhufu irratti akka hin dorgomne beeksisuu isaanii simattee jirti. “Kun Koongoo dimookiraatessuuf tarkaanfii baay’ee barbaachisaa tokko” jettees jirti.

Prezidaant Kabiilaan heera Koongoo fi walii-galtee Mudde bara 2016 Silvester keessatti mallatteessame kabajuuf cicha agarsiisuun isaaniiitti jajjabaachuu isaanii dubbatu – dubbi-himtuun ministrii dhimma-alaa Yunaayitid Isteetis – Heezer Nuwert.

Lammiwwan Koongoo yaada ofii walabummaan ibsachuuf mirga qabaachuu qaban, sodaa hookkaraa, sodaachisaa fi doorsisa tokko malee kaadhimtoota filannoof dhihaatan keessaa kan fedhan filachuu danda’uu qaban – ka jedhan – Nuwert, Koomishinni Walabni ka Filannoo Biyyolessaa Koongoo fi aangawoonni biyyattii, filannoon Mudde 23, bara 2018 biyyattii keessatti geggeessamu amanamaa akka tahu taasisuu qaban, jedhu.

Filannoo prezidaantummaa Koongoo dhufaa jiruuf - Ministara dhimma biyya keessaa duraanii – Imaanu’eel Ramazaanii Shaadeey ka deggeran tahuu dubbatu – Kabiilaan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG