Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezdaant Isaayyaas Jila Mootummaa Saawudii Arabiyaa Mana Mootummaa Isaaniitti Simatan


Prezidaantiin Ertiraa – Isaayyaas Afewarqii, har’a, jila mootummaa Saawudii Arabiyaa – ministara dhimma biyyatii – Abdel Aljubeeriin hoogganamu, har’a mana mootummaa isaaniitti simatanii jiran.

Ministarichi dhimma-alaa Saawudii, xalayaa mootii biyyattii – Saalmaan Bin Abdulaziiz irraa ergame, kan hidhata seenaa fi obbolummaa biyyoota lameen gidduu jiru cimsuutti fuuleffate prezidaant Isaayyaas kennuu isaanii, ministarri beeksisaa Ertiraa – Obbo Yemaanee Gebre-Mesqel fuula tiwiiterii isaanii irratti ibsanii jiran.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG