"Queen of Soul" sirba bara 1950 fi bara 1960 keessa Gurraaleen Amerikaatin beekan. Soul music, sirba Gurraalee Amerikaa sanyii Afrikaati.Sirbii kun gospel music, rhythm and blues fi jazz qaba.Sirbii kukkun sirba qabsoo Gurraalee Amerikaallee hin qabaa.Qabsoon gurraalee Amerikaa faarsaa.
Qabsooftuu mirg namaa,dubaratiin qarooma gurraalee Amerikaa sirbaan qaban addunyaa sirbaa agarsiisaa baate,Ariitaan gaafa ganna 18 sirba jalqabde.
Durii abbaan isii, Firaaniliin nama paasterii amantii Kiristaanaati.Isiilleen diqqeennaan piyaanoo tapachaa guddattee achumaan sirbituu taate.
Diqqeennaan jalqabdee adoo akkanuma sirbituu asi geette.Sirba miliyoona 75
Ariitaa Firaankiliin:
- Marroo 18 badhaasa Giraamii(grammy award) badhaasan
- Gaafa gannii 18 sirbatti seente
- Sirba miliyoona 75 gurguratte
Sirba isiin beekan keessaa:
- You Make Me Feel Like) A Natural Woman
- Spanish Harlem" "Think".
- I Never Loved a Man the Way I Love You,
- Lady Soul,
- Young
- Gifted and Black
- Amazing Grace kkf..akkanuma keessa sirba miliyoona hedduu gurguratte.
Bara 1960 keessa Qaallitti Sirba Gurraalee Amerikaa ykn "The Queen of Soul” jedhanii maqaa itti baasan.Sirba nama gurraachaa sirbuun addunyaa keessatti beekan.
Aritaan dhiphuu fi bali’ana gurraalee Ameriaka bara 1960 fi 70 keessaa achii isallee marroo hedduun sirbaan addunyaatti himte.
Gaafa Obaamaan pirezidaantii tahee filatamtellee isii fa sirba gammachuuti itti yaaman.
Hardha Amerikaa godina Ditrooyit,Michigen keessatti doote.