Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa durii,Koofii Anaan,hiyyummaa diqqeessuu fi mirga namaa guddisuuf hojjachaa bahe


 Kofi Annan
Kofi Annan

Koofii Attaa Anaan,itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa nama waan hedduu galateeffatan.Bara 2001 keessa isaa fi dhaaba isaallee Nooberlii badhaasan.

Dootii isaa addunyaayyuu waan hedduun bakassite,rifachiifte.Itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa,Antooniyoo Guteres Koofii Anaan hariyaa dansaa,jabaa itti hirkatan,wannii innii hojjate nama hedduu gammachiifte jedha.

Koomishineerii mirga dhala namaa Tokkummaa Mootummootaa,Zeida Ra’ad Al-Huseen addunyaa nama jabaa dhabde jedheen.

Oduu himtuun Koomishineer Tokkummaa Mootummootaa,Ravian Shamasadin Koofii Anaanii fi Al Huseen akka abbaa fi ilmaa wali beekanii waan hedduu waliin qaban jetti.

“Koomishineerii Al Huseen yoo tokko tokko dubbii mriga namaatii falmuu tanaa 'haga dabarsee' fa jedhee Anaan gaafata.Wal mari’achaa hojjatan.”

Porofessor James Jonha bara 1992-1994 keessa itti aanaa damee siyaasaa Tokkummaa Mootummootaa tahee hojjachaa bahe.

Afrikaan, Koofii Anaanii fi waan innii hojjate ulfeessitee qalbuma suniin hojjachuu malte jedha.Qalbiin innii hojjatee ta Afrikaa fi Addunyaa nagaa buusan.

“Hiyyuma diqqeessuu fi namii mirga jabeessuuf hojjachaa bahe.Bulchootii Tokkummaa Mootummootaa isaan duraa keessaa qablii akkasii guddoo hin argitu.Haga hujii irra bu’ee sunuma hojjachaa bahe. Zibmaabuwee,Afrikaa Kibbaallee kessalleetti tanuma dubbachaa ture. Mootummaan ummata jiressuuf hojjachuu qaba. Tana irratti ammoo jaarrolee hedduu waliin hojjachaa bahe.”

Koofii Anaan dhalootaan nama Gaanaati.Butiroos Butiroos Gaaliitti aanee nama lammeessoo Afrikaa keessaa filatamee Tokkummaa Mootummootaa bulchaa bahe.

Guyyaa dheengaddaa,Hagayya 18, Siwitzerlandi,Bern keessatti ganna 80tti lubbuu dhabe abbaa ijoollee sadiiti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG