Xurree ittiin seenan

Breaking News

Serenaa Williyaamsi uulmaa baatee dorgommii teenisii lafaa, US Open itti deebitee warra shaampiyoonaaf walti hafanitti daramte


Serena Williams US Open

US Open,maqaa dorgommii teenisii addunyaa Waldaan Teenisii Addunyaa (WTA) gannuma gannaan qopheessu.

Dhiiraa fi dhalaalleen atileetota addunyaa walti filanitti wal dorgoma.

Atileetiin US tanaan faarsan ilmaan Richard Williams(leenjisaa teenisii) Serenaa Williamsii fi Venus Williams fa.

Atileetiin US ta ganna 36 Venus ammoo nama ganna 39ti.Serenaan marra 24 dorgommii teenisii addunyaa gugurdoo Grand Slam moote. Obboleettii isii Venus William waliin nama 12 Teenisii sadarakaa tokkeessoo jiran moote. Tanumaan horuma hortee amma doolara miliyoona 170 caalaa horatte.

Tapha kalee US,magaalaa New York keesastti atileeetii Estooniyaa Kaia Kanepi waliin taphatte irratti moote waluma gula marroo 10 akkana moote.

Sereenaan amma atileetii Czech,Karolina Pliskovaatiin walti marte.Atileetii walti hafan dhibiin ammoo atileetii US S.Stephensii fi atileeti Lativiyaa, Anastasija Sevastova.

Warra lamaan keessaa abbaan moohe shaampiyoonaaf walti hafa.Addunyaa keessatti dorgommiin teenisii bebeekamtuun lafuma keessatti taphataniin maqaa baasaniif; US Open,Australian Open,French Open fi Wimbledon Open.

US Open baranaatiin ammoo dhiiraan ammoo atileetii Juan Martindel Potro (Arjentiinaa) fi atileetii US Johan Isneritit walti mare.

Rafael Nadaalii(Spanish) fi atileetii Austria Domnic Thiemilleen warra walti maree shaampiyoonaaf taphatu.

Serena Williamsiin reefuu jenne tun haadha intala dubraati.Maqaan angafa isii Olompiyaan guyyaa dheengaddaa ganna tokko guuutte.

Sereenaan nama ganna 36ti ganna tokkocha uulmaa kanattuu marroo torba dorgmmii gugurdoo akkanaa dorgomte.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG