Xurree ittiin seenan

Breaking News

US, Fulbaana 11, 2001, gaafa nama isii 3,000 tahu guyyaa tokkotti irraa fixan kaan hardha miira hammaachaa qaabachaa oolte


U.S. Army Reserve Sgt. Edwin morales kneels as he honors his cousin Ruben Correa during ceremonies marking the 17th anniversary of the September 11, 2001 attacks on the World Trade Center, at the National 9/11 Memorial and Museum in New York, September 11
U.S. Army Reserve Sgt. Edwin morales kneels as he honors his cousin Ruben Correa during ceremonies marking the 17th anniversary of the September 11, 2001 attacks on the World Trade Center, at the National 9/11 Memorial and Museum in New York, September 11

Gannii 17essoo milishootiI Islaamummaa, Alqaayidaan faatii Amerikaa NY,VA fi Pensylvaniyaatti xuyyuuraan nama fixxe kaan hardha irra oola.Fulbaan 11,2001 hardha irra oola.

Gaafas nama 3,000 tahu fixan.Jarii nama fixe kun haga tokko pilot,warra xuyyuura oofu humnaan irraa guuree fooqii namii kuma hedduu keessa jirutti gadi dhiise.

Kaan ammoo jara nama fixuuf jedhe xuyyuura irratti qababii waliin lafa dhahanii namii dhumate.

Amerikaan guyyaa jabaa fi janna hedduu itti dhamne jettu kana barumsa baraan miira hammaachaa qaabatti.

Pirezidaanti Doonaldi Tiraampi fulaa Xuyyuurii United Airline 93 itti lafa dhahe Shanksville, Pennsylvania waan hedduun qaabate.

“Lubbuu ulfinna qabdu 3,000 taatu guyyaa kana lafa tana irratti fixan ulfeessuuf walti dhufne.Ganna 17 dura.Ulfinna isaantii dhufne.Warra xuyyuura sun keessa jiru 40 fi hojjattoota xuyyuura sunii nama baduu dhowwuuf ufii dhuman ulfeessuuf asi dhufne.”

Itti aanaan pirezidaantii Amerikaa,itti gaafatamaa waraana isiitii fi bulchootii isii fulaa namii itti dhumate sunitti maatii namii irraa dhume jajjabeessaa guyyaa sunillee qaabatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG