Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganoonni Somaaliyaa Walii Isaanii Giddutti Wal-amantaa Horachuu Qabu: Tokkummaa Mootummotaa


Hogganoota Somaaliyaa giddutti wal amantaan dhabamuun gama siyaasaa fi nageenyaan jijjirama argame wal xaxaa godhe jechuun Somaaliyaatti jilli Tokkummaa mootummotaa Maaykil Keeting beeksisanii jiru.

Kanaaf hogganoonni federaalaa fi kan kutaa walii galuu qabu jedhu.Onkolooleessa tokko bara 2018 fullee keenyaa jalqabee waajiira gamasii qaban gadhisuuf ka jiran Keeting akka jedhanti caasaa nageenyaa, karoora ce’umsaa fi nageenya kan ilaaleen foyya’iinsii sadarkaa teknikaan argamuu ibsanii garu gama siyaasaan rakkoon waan jiruuf jecha dhimmi jiru gara fuul duraatti tarkaanfachisuun rakkoo ta’e jedhan.

Wanti rakkoo ta’e hafee jedhan yeroo filannoon dhiyaachaa jiru kanatti hogganoota biyyatti giddutti wal amantaa siyaasaa argamsisuu dadhabamuu isaati.

Gamnii hunduu walii galuu akka qaban kun ta’u baannaan haalli jiru hawaasa addunyaa fi michoota Somaaliyaa kan yaaddeessu ta’u akeekkachiisan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG