Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Sudaan Kibbaa Nagaan Buunaan Waliin Hojjechuuf Cicha Qaban Mul’isan


Hoogganaan ripxe loltoota Sudaan Kibbaa Riyaak Machaar afeerraa sambata darbe prezidaant Salva Kiir akka isaan Juubaa daawwataniif dhiyeessan hin simatin hafan.

Hoogganaan sochii bilisummaa uummata Sudaan Machar Kaartuum keessatti wal ga’ii geggeessame irratti haalli Sudaan Kibbaa keessaa daawwannaaf mijataa miti jechuun Kiiritti himanii jiran.

Machaar akka jedhanitti kan na yaaddesse waa’ee nageenyaa ti jedhan. hidhamtoonni waraanaa fi siyaasaa illee hiikamuu akka qaban bilbilaan akka ibsaniif dubbatan Machaar.

Prezidaant Kiir akka jedhanitti gareen isaanii hidhamtoota waraanaa kan harka isaanii jiru mara gad dhiisamaniiru jedhan.

Prezidaant Kiir mootummaan isaanii walii galtee nageenyaa Fulbaana 12 irra gaa’ame hojiitti hiikuuf cichaan hojjeta jedhan. Sudaan Kibbaa keessatti boqonnaa haaraa banuuf illee Machar waliin hojjechuuf qophee ta’uu isaanii dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG