Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deenis Mukweegee fi Naadiyaa Muraad Noobelii Nagaa Bara Kanaa Badhaafaman


Badhaasa Noobelii nagaa kan bara kanaa lammii Ripuublikii Dimokraatawaa Koongoo Deenis Mukweegee fi qabsooftuu mirga namaa lammii Iraaq Naadiyaa Muraadf kan kennamu ta’uu jimaata har’aa Stockholm keessatti kan labsan dura taa’aa koree badhaasa Noobeelii Berit Reiss-Anderson turan.

Koreen badhaasa Nobelii Norway badhaasa noobeelii nagaa kan bara 2018 fi Naadiyaa Muraad badhaasuuf kan murteesse jedhan Berit, tattaaffii isaan dararaa quunnamtii saalaa kan akka meeshaa waraanaatti itti gargaaramanii fi walitti bu’iinsa waraanaa dhaabsisuuf godhaniif jecha.

Badhaafamtoonni lamaan yakka waraana akkasiitti akka duulamuuf qiyyaafata akka argatu gumaacha cimaa godhaniiru jedhan.

Koreen sun ibsa kennaan Muraad ofii isaanii iyyuu yakka waraanaa irraa kan dandammatan yoo ta’u dubartiin dararaa irra ga’e akka hin dubbanneef qaanfatanii callistuu tole hin jedhin hafan.

Dararaa ofii isaanii irra ga’e yeroo hedduu hin baratamne bakka miidhamtoota kanneen biro bu’anii dubbachuuf jajjabina isaan qabaatan ibsichi ajaaibsiifateera.

Mukwegen is gama isaaniin qabsoo hookkara dararaa saalaa fi walitti bu’iinsa waraanaa dhabsisuuf sadarkaa biyyoolessaa fi addunyaatti fakkeenya ta’aniiru jedha ibsichi. Qajeelfamn isaanii kan bu’uuraahaqi nama maraaf ta’uu qaba kan jedhu. Badhaasi kun doolaara miliyoona 1.1 ta’uun illee beekamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG