Xurree ittiin seenan

Breaking News

US Abbaa Seeraa Mana Murtii Walii Galaa Filachutti Jrtii,Akkii Isiin Itti Fiilattu Akka Abbaa Gadaatii fi Hayyuu Filataiin Wal Fakkaata


Supreme Court nominee Judge Brett Kavanaugh is sworn in by Chairman Chuck Grassley, R-Iowa, before testifying during the Senate Judiciary Committee, Sept. 27, 2018 on Capitol Hill in Washington.
Supreme Court nominee Judge Brett Kavanaugh is sworn in by Chairman Chuck Grassley, R-Iowa, before testifying during the Senate Judiciary Committee, Sept. 27, 2018 on Capitol Hill in Washington.

Nama warra ufii bulchetti biyya bulcha.Nama biyya bulchu ammoo amalaa fi adaba isaa qoratan,tolaa fi hammeenna Isaa ammaa fi ka durii keessaa qorqoratanii diidatti baasan.

Amerikaan bulchoota mootummaa isii akkuma gumiin balloon nama abbaa gadaa ykn hayyuu lallaban waan namii keessa dhufee qahhee raabaa fi gadaatii fi fulaa hedduutti qorattu qoratti.

Nama Amerikaa abbaa seeraa mana murtii walii galaa tolchuuf qorachuutti jiran kana pirezidaanti Amerikaa,Donald Tiraampitti filae.

Yoo innii filatu koreen kongireesii Amerikaa ammoo nama kana waan isaan himan cufa keessaa qulqulleefatee waan jedhu jedha.

Namii Tiraampi filate kun Brett Kavanagh haga hardhaa fi boritti ykn hin filamaa ykn ammooirratti didan.Kavaanaa kana waan innii bara 1980 keessaa tahe jedhaniin himachuutti jiran.

Gaafa galgala tokko ijoolleen hariyaa waarii mana tokkotti walti dhuftee waaritu ka innilleen waarii sun keessa jiru machaahee dubra qorsaan ufi wallaalchisee buufte jedhanii himatan.

Dubartiin isa himatte porofeeser Christine Balsey Ford Amerikaa yuniversitii Kaalifoorniyaa barsiisfti.

Bara 1980 keessa galgala tokko ka isiin mana barumsa Georgetown Maryladn jiru barattu mana diqqaa tokko keessatti “na ukkaamsee harkaan afaan na qabee na gubbaa bu’ee isaa wayaa narraa mulqachuutti jiru iyyee waan du’u ufi seheeyyuu,” jetti.

Namii dhibiin isaa ijoollee dhiiraa gaafas mana sun keessa jiran himatanillee jarii sun ijoollee durbaa qorsaan ufi wallaalchisee waan fedhe tolchuu fedhe jedhee himate.

Tirampi ammoo maqaa balleessuu fi siyaasaa jedhanii tana jedhaniin malee nama adabicha jedhee falmeef.

Nama kana huji tanatti filachuu fi dhibaachuu irratti wal falmuutti jiran. Abbaan seeraa mana murtii walii galaa Amerikaa yoo ufumaan fedhee dhiise malee haga jiru hinuma hojjata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG