Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hariiroo Chaayinaa fi Yunaayitid Isteets


Ministarri dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Maayik Poompihoo, walga’ii hariiroo Yunaayitid Isteetis fi Chaayinaa gidduu daran hammeesse jedhamu irratti, biyyi isaanii gochaalee Chaayinaa irratti ka yaaddoo guddaa qabdu tahuu, gitoota isaanii ka Chaayinaatti dubbatanii  jiran.

Walga’ii har’a magaalaa Beejiingitti geggeessame irratti “Wal-dhabinsa hunde-qabeessa qabna” – jechuun, ministara dhimma-alaa Chaayinaatti dubbatan – Poompihoon.

Hariiroo daldalaa Yunaayitid Isteetsii fi Chaayinaa gidduutti hammaateef ka Yunaayitid Isteetisiin balaaleffatan – ministarichi dhimma-alaa Chaayinaa – Waang, akkaataan itti mootummaan Waashinton Taayiwaan waliin itti hojjetaa jirtu, fayidaa ijoo Chaayinaan qabdu miidhuu isaa dubbatan.

Guyyoota haga xiqqoo dura immoo, itti-aanaa prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Maayik Peens, dhimma miidhaa waraanaa, hanna daldalaa, dhiittaa mirga dhala-namaa hammeessuu fi mormii Traampiin dhimma filannoo Yunaayitid Isteets keessa harka galfachuutti Chaayinaa balaaleffatanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG