Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaan waancaa kubbaa miilaa, AFCON 2019f dabruuf taphatti jirti Itoophyaan Roobii dhuftu Baahir Daaritti Keenyaan gir walti jetti


Masrii fi Kaameruunitti(L) tapha waancaa Afrikaa bara 2017f alaabaa faarsaa istaadiyoomii
(Kaameruun Stade de l'Amitie)
Masrii fi Kaameruunitti(L) tapha waancaa Afrikaa bara 2017f alaabaa faarsaa istaadiyoomii (Kaameruun Stade de l'Amitie)

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa, AFCON 2019 Kaamernuuitti kopheessa.Biyya 48 fulaa 12ti bahee taphachuutti jira ammoo 16 keessaa filatan.

Afurtamii saddeettanuu garee A-J jalatti fulaa afur-afuritti ciran.Biyyiti cuftii marro lama-lama walti marti.Itoophiyaan garee F keessa jirtii Gaanaa, Seraaliyoo fi Keenyaan walti marte.

Yoo Roobii dhuftu Baahir Daaritti Keenyaan waliin taphattuu fi Sanbatuma torbaan sunii Naayroobiitti Keenyumaan walti deebitu akka obboo Solomoon G/Sillaasee Federeshiinii kubbaa miilaa Itoophiyaa keessaa VOA-tti himetti moohuu maltee ykn walqixxee bahuu malte.

Itoophiyaaf taphii kun sadeessoo.Gaafa armaan duratti Gaanaan waliin taphatte 5-0 moo’an isiilleen Seraaliyoona 1-0 moote.

Yoo ta Keenyaa fixatte Gaanaa fi Seraaliyoon walti deebiti.Biyya taphatti jirtu keessaa Maalii, Giinii, Moritaaniyaa fi Tuniziyaatti qabxii 6-6 qaba.

Garee F Itoophiyaan keessa jirtu biyyitii cuftii qabxi 3-3 qabdi taatullee Itoophiyaa idaa goolii 4tti irra jira.Yoo biyyitii cuftii tapha 8n ufii fixatte biyya garee isaanii keessaa 1-2 bahan keessaa filatan.

Itoophiyaan dorgommii kubbaa miilaatiin duruu laaftuu.Akka obboo Solomoon jedhetti waan hedduu Itoophiyaa laaffise keessaa guddoo ijoollee jala oli dhuftu kubbaa miilaa keessatti leenjifachaa hin guddifattu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG