Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seeneetin Yunaaytid Isteets Breet Kavano Abbaa Alangaa Muumichaa Godhe


Seeneetin Yunaaytid Isteets Breet Kavano abbaa alangaa muumichaa biyyattii ta’un akka tajaajilan sagalee Sambt-duraa kaleessa kenneen raggaasise.

Erga hojii kanaf kaadhimamuun abbaa seeraa Bireet dhagahamee qabe, gidiraa yeroo dargaggummaa koleejii yeroo baratan dubartii irratti raawwatan jedhameen wal-qabatee falmii guddaatu deemaa ture. Filamuu isaanitiin ripablikaanonni gammadanis, warri paartii dimookiraatii garu mana murtii biyyaatti ol’aanaan, ‘Supreme Court’ nama akkanaatin qabamuun gaddisiisaa dha jechaatii jiran

Taayitaa abbaa-murtii muummichaaf dhihaachuun isaanii dimookiraatotaa fi Rippuubilikaanota gidduutti wal-falmii gidduu uumee ka ture – Bret Kavanaa, otuu kakuu fudhatee hojii isaa haarawa hin jalqabiin, dimookiraatonni duruu akkaataa itti barcuma abbaa-murtii irraa isa buusan shiruu jalqaban - jechuun, prezidaant Traamp balaaleffatanii jiran.

Har’a mooraa Waayit Haawus keessatti kan kana dubbatan – Traamp, Dimookiraatonni yoo gochaa kana itti fufan, filannoo mana-maree bakka-bu’ootaa irratti gatii guddaa isaan baasisuuf jira – jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG