Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Itiyoophiyaa Boqonnaa Booda Hojiitti Deebi’e


Faayilii - Paarlaamaa Itoophiyaa
Faayilii - Paarlaamaa Itoophiyaa

Manni maree bakka bu’oota uummataa fi manni maree Federeeshinii bara hojii isaanii arfaffaa kan jalqaban har’a waaree booda ture. Baatii Fulbaanaa Wiixata isa dhumaa yeroo mara kan geggeeffamu wal ga’ii manneen maree jalqabaa irratti, mootummaan waggaa sana keessa hojii hojjechuuf jiru kan itti beeksisamu kallattiin itti aanu illee kan ittiin tarreeffamuu dha.

Haasaa manneen maree Sanaa haasaa dhaan kan banan prezidaanti Dr. Mulaatuu Teshoomee qiyyfata mootummaa kan bara 2011 ibsaniiru. Kana keessaa tokko kan irratti fuuleffatamu ol aantummaa seeraa kabachiisuu akka ta’e ibsanii jiran.

Baroota keessatti mudannoo seenaa gaariis haa ta’u qormaata qabu mara keessatti waliin jiraachuu fi wal danda’uun milkaa’ina gaarii kan uummata keenyaa yoo ta’u yeroo xiqqoo dhaa as garuu qormaata guddaan nu mudate, walabummaa fi sirna dhabulummaa adda baasuu dhabuu dhaan gad dhiisii fi seera kabajuu dhabuu babal’atee jira.

Sohiiwwan akkasii nageenya lammiiwwanii fi nagaa biyyaa haala hamaan qormaata keessa buusanii jiru. Kanaan kan ka’e lammiiwwan lubbuu isaanii qaalii dhabaniiru. Qe’ee ofii irraa buqa’aniiru, barnootaaf kan kuufatan qabeenyaa isaanii dhiisanii baqataniiru.

Walumaa gala ol aantummaan seeraa balaa keessa jira. Biyyi ol aantummaan seeraan hin geggeessamne immoo rakkoo siyaasaa fi hawaasummaa, walitti bu’iinsa, badiisaa fi bittinnaa’uu dhaaf saaxilamti.

Kanaaf qaamni mootummaa sadarkaa adda addaa irra jiru dhimma kanaaf qiyyaafata addaa kennuu dhaan walabummaa fi mirga lammiiwwanii eegsisuu dhaaf tarkaanfii barbaachisu akka fudhatan taasisama jedhan.

Tarkaanfiin fooya’inaa mootummaan fudhatamaa jirus cimee akka itti fufu prezidaantichi dubbataniiru. Tarkaanfiwwan kunis bifa waalta’e akka qabaatan, seerawwan komeen irratti dhiyaatus waggaa kana akka fooyyeffamu tuqaniiru.

Paarlaamaan Itiyoophiyaa Boqonnaa Booda Hojiitti Deebi’e
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:56 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG