Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishiinii filannoo Kaameruun waan namii hedduu dorgommii pirezidaantummaa biyya sunii keessaa ufi baaseef ilaaluutti jira


Pirezidaanti Paul Biyyaatti filannoo dhufee bulchoota achitti argelleen akkana nagaa fuudha(mana barumsa Bastos Bastos, Yaounde)
Pirezidaanti Paul Biyyaatti filannoo dhufee bulchoota achitti argelleen akkana nagaa fuudha(mana barumsa Bastos Bastos, Yaounde)

Kaameruun biyya Afrikaa jidduu jirtu.Ganna 28 asitti namuma tokkotti bulchuutti jira. Jaarsa ganna 85, Paul Biyyaati.Ammallee marroo 7essoof dorgomuutti jira.

Silaa ammallee guyyaa 3n duratti pirezidaantii filachuuf itti duudan.Paartileen mormituu ammoo filannoon baanan sun seera filannoo hin guunne jedhanii irratti didan.

Nama paartii Universe fulaa bu’ee dorgome, Cabral Libiitii fi Joshua Osih paartii Socialist Democratic Front keessaa dorgometti akka filannoo sun faaydaa hin qabdu jedhanii ufi irraa dhiisan gaafate.

Akka jarii kun jedhutti filannoo tana akka isiin pirezidaantii biyya sunii ka ammaa Paul Biyaati fi paartii isaa CPDM gargaartu tolchanii qopheessan.

Rigobert Gabanmidanha ka ministirii Live fi Peace keessa jirulleen tanuma jechuutti jira.

Akka innii jedhutti dameen seera biyya sunii filannoo biyya sunii seera qabeettii fi dhabeettii isii mirkaneessullee Paul Biyaatti tohata.Nama paartii mormituu hedduullee filachuu dhowwan jedhan.

“Gabnmidanah nama filachuu dhowwan keessa tokko.Akka innii jedhutti kaardii filannoo fuudhee filachuu dhaqee jennaan maqaan ke asi irra hin jiru naan jedhan.”

Inninuu silaa nama dorgomuu fedhe taatullee seera filannoo hin guutannee jedhanii irratti didan.Nama 13 akka filannoon pirezidaantummaa Kaameruun gatan keessaa ka dhibiin Bertin Kisob.Isallee dubbii isaa mana murtiitti harkaa qabaa jedhanii irratti didan.

Ministerii hujii fi caasaa bulchiinsa Kaameruun, Gregorie Owona ammoo dubbiin yakkan malee wannii filannoo keessaa hammaate hin jirtu jedha.

Biyya ufin bultu keessatti seerii filannoo isiilleen waan mama qabaa ka walgaafatan hin qabu Paul Biya ammallee pirezidaantii godinii cuftii akka ufumaan ufi dandahee bulu beekee seeruma suniin buluu male jedha.

Itti gaafatatmtootii filannoo Kamerunilleen filannoon biyya isaanii seeerumaan demuutti jirti jedhan

Kaameruun biyya makaraa hedduu keessaa baatee pirezidaantii filachuutti jirtu. Guyyaa sadiin duratti pirezidaantii filatte.Abbaa moohate ammallee eeguutti jiran.

Abbaa moohate biyyatti himuu dhabuun ammoo Kaameruunii ammallee garuma duriitti deebifti jedhani sodaatan.Amerikaalleen akka abbaa moohate biyyatti himatan gaafatte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG