Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’een Dhimma Gazexxeessaa Sa’udii Attam Ta’e ?


Gazexxeessaa Sa’udii erga torban lamaa as eessa buteen isaa dhabame Jamal Khashoggi sirna dhablotaan ajjefamuu mala jechuun prezidaant Donald Traamp idsanii jiru.

Ministeera haajaa alaa Amerikaa Maayk Pompioo gara mootii sa’udii Bin Salmaatti kan ergan ta’u prezidaant Traamp beeksiisanii jiru.

Kunis Mootiin Saa’udii waliin waa’ee Gazexxeessaa dhabamee kanaa daqiiqaa 20f bilbilaan eega dubbatanii booda waaniin beeku hin qabu jedhan mootiin Sa’udii.

Gazexxeessaan kun Qonsilaa Saa’udii kan Istaanbul Tarkii keessaa yeroo seenu mul’ataa ture.Traamp har’a Twitarii irratti akka barreessanti lammiii Saa’udii kan ta’e Gazexxeessaa dhabame kana kan ilaaleen maaltu akka uumamee hin beeku jedhan mootii Salman.

Dhimma kana irratti deebii argachuuf jecha sa’udiin Tarkii waliin hojjataa jirti jechuu mootii salman dubbachuu isaanii prezidaant Traamp ibsanii jiru.

Sana booda ministriin dantaa alaa Amerikaa Pompiyoon mootii sa’udii waliin caalaatti akka dubbataniif gara Riyaad ti ergan.Prezidaantiin Tarkii Resep Erdogan fi mootiin Saa’udii salman Dilbata kaleessaa garee gam lameen irraa walitti dhufuun eessa butee Gazexxesichaa qoratuu dhaabuu dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG