Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Yunaayitid Isteets Loltoota Al-shabaab Jaatama Fixuu Isaa Beeksise


Waraanni Yunaayitid Isteets haleellaan humna qilleensaan garee Al-shabaab irratti geggeesse, loltoota garee sanaa jaatama fixuu isaa beeksisee jira.

Gara waggaa tokkoo keessatti, kun dhuminsa isa guddaa garee Al-shabaab mudate isa duraa tahuu isaa ti.

Waraanni Yunaayitid Isteetis, Dameen Ajaja Afrikaa “US AFRICA COMAND” jedhamu akka beeksisetti, haleellaan humna qilleensaa sun, Jimaata dabre, kutaa Mudug, naannoo hawaasa Somaalee Harar-deereetti geggeessame.

Akka gabaasaa waraana irraa baheetti, haleellaa kanaan Siivilii yokaan uummata irraa namni haleellaa kanaan du’es tahe madaa’e hin jiru – jedha – ibsi har’a bahe kun.

Waa’ee lakkoobsa loltoota Al-shabaab dhumanii haga ammaatti madda walaba irraa waan mirkaneeffame hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG