Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaan Uggura Sabxiqqaalee Musliimaa Irrati Goote Deeggaruun Falmaa Jirti


Chaayinaan, sabxiqqaalee Musliimaa biyya ishee keessaa ugguruu ishee, akka lammiwwan oguma hojii fooyyeffatan, afaan Mandariinii baratanii fi saayinsii ammayyaa fudhatan jajjabeessuudhaan, shororkeessummaa ittisuuf tarkaanfii fudhatte akka tahetti falmaa jirti.

Gabaasaa har’a gaazzexaa mootummaa Shinuwaa jedhamu irratti maxxansame bahe keessatti aangawaan Chaayinaa gameessi tokko ennnaa dubbatan, “Paartiin koomunistii, gurmuulee sab-lammoota walakkeessaa Ashiyaa kutaa Shiniyaang keessa jiraataniif mul’atni inni qabu, akka isaan aadaa Chaayinaatti makamanii fi jireenya ammayyaa shaakalan taasisuu dha” jedhan.

Mootummichi, gurmuulee Uhigurs, Kaazaakiis fi sab-xiqqaalee ka biroo bakka tokkotti ugguruudhaan himatamaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG