Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaambiyaan Koomishina Dararaa Bara Mootummaa Yaayyaah Geggeeffame Qoratu Hundeesite


Gaambiyaan, mootummaa prezidaant Yaayyaah Jameh jalatti, ajjeechaa fi dararaa mormitoota irratti geggeessamaa ture – jedhame ka qoratee ilaalu, Koomishina Dhugaa fi Araaraa hundeessee jira.

Biyya Afrikaa xiqqoon – Gaambiyaan har’a, Koomishina miseensota 11 of keessaa qabu hundeeffatte.

Prezidaant Adaamaa Baaroo, fuula Twiterii isaanii irratti: “Waliin haa dhaabbannu. Namoonni lakkoobsaan xiqqoo tahan ammaa booda abadan nu hin hacuucan. Biyyi fuulli ishee ife kun lammata cunqursaa gareen xiqqaan saba-guddaa irratti geggeessu hin agartu!” jechuun barreessan.

Namoonni miidhaan irratti geggeessame, namoonni ragaa bahanii fi kanneen miidhaa geggeessuutti himataman gara xumura baatii kanaa irraa eegalanii Koomishina Dhugaa fi Araaraa sana duratti dhihaatanii dubbatu – jedhama. Deemsi dhugaa baasuu fi araara buusuu kun waggoota lama akka fudhatus himamee jira.

Yaayyaa Jameh, bara 1994, fonqolcha mootummaan eega taayitaa qabatanii booda, waggoota 22 biyyattii bulche. Filannoo Amajjii bara 2017 geggeessameen, eega Prezidaant ammaa Adaamaa Baaroon injifatamanii boooda gara Ikuwaatoriyaal Giiniitti baqatan. Dura ba’ii filannoo sana fudhachuu didan iyyuu, dhiibbaa biyyoota ollaan irra kaa’ameen taayitaa isaanii gad-lakkisan – Yaayyaa Jameh.

Manni-maree bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa, muudama miseensota kaabinee haaraa, har’a, muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Dr. Abiyyi Ahimed dhiheessan raggaasisee jira.

Miseensonni Kaabinee kun, dandeettii, muuxannoo hojii fi qophaa’ina barnootaatiin kanneen gahumsa qabanii fi haaromsa hoogganuu danda’an waan tahaniif ka filataman tahuu – Muummichi-ministaraa Abiyyi Paarlaamaaf ibsanii jiran.

Kaabinee kana keessatti, akkaataa Afrikaa keessatti isa duraa jedhamuu dandeessisuun, dhibba irraa harkaa shantamaa ol yokaan ministaroonni muudaman dubartoota tahuun beekamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG