Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganoonni Saudii Waa’ee Gazexxesicha Essa Buteen Isaa Dhabamee Dubbachuu Hin Feenu Jedha Maayk Pompiyoo


turkey investigation
turkey investigation

Hogganoonni Sa’udii gazexxeessaa Saudii kan Amerikaa keessa maadheffate Jamaal Khashoggii kan ilaaleen dubbachuu kan hin feene ta’u ministriin dantaa alaa Yunaaytid Isteetes Maayk Pompiyoo ibsanii jiru. Angawoonni Tarkii garu gazexxesichii qonsilaa Sa’udii kan magaalaa Istaanbul jiru keessatti basaastoota Sa’udiin ajjefamee qaamii isaa kukktamee jedhu.

Saa’udiin garu kana haaltee jirti.Gazexxesichi nagaan mooraa Qonsilaa keessaa ba’e jedhu.Robii har’a prezidaantii Tarkii Recep Tayyip Erdogan dabalatee aangawoota Tarkii waliin wal arganii jiru Pompiyoon.

Gazexxeessaan kun lubbuun jira moo ni du’e jechuun Gazexxeessan kan gaafateef Pompiyoon dhugaa jiru waan tokko dubbachuu hin fedhu. Isaanis akkasuma akka dubbatamu hin fedhan.Qorannaa gaggeessaa jiran guutummaatti xumuraan ga’uuf carraan akka kennamuuf fedhu.Kun sababaa qubsaa akka ta’e ittiin amana carraa kana argachuu qabu. Sana booda hundi keenya kan isaan hojjatan arginee madaaluuf jirra jedhan jedhan.

Hogganoonni Saudii eessa buutee gazexxeessaa Saudii kan Amerikaa keessa maadheffate Jamal Khashoggii kan ilaaleen ba’ii qorannoo gaggeeffame addunyaaf ifa goona eega jedhanii booda.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG