Ministeerri Haajaa Alaa Itiyophiyaa Dr. Warqinaa Gabayyoo, gitii isaanii Eertiraa Osmaan Saalaah fi kan Soomaaliyaa Ahimad Isee Awaad Mooqqaadishoo keessatti mari'atanii jiran
Ministeeroonni hajaa alaa biyyoota sadeenii Marii gaggeessan Kanaan nageenya, diinagdee fi siyaasa biyyoota sadeen gidduu irratti qiiyyaafachuun dubbatan.
Keessumaa biyyoota gaanfa Afrikaa keessatti nagaa tasgabii fi badhaadhina mirkaneessuuf yaalii ta’u haala jajjabeesuun danda’amu irratti marii bal’aa gaggeessan.
Marii biyyonni sadeen Asmaraa keessatti gaggeessan sana booda walii galtee tolfamee sna booda jijjirama dhugumaan argame gamaagamanii jiran.
Daangaan Itiyoophiyaa fi Ertraa banamee magaalaalee galma mootummaa biyyoota sadeenii geejiiba xayyaraan wal arguu jalqabuun isaanii akka fakkeenyaatti kaafamee jira.
Mootummonni Ertraa fiI tiyoophiyaa /somaaliyaa deebisanii dhaabuuf uummataa fi mootummaan yaalii godhan akka deggeran ibsan.