Xurree ittiin seenan

Breaking News

Krimiyaa Keessatti Of-Wareegaan Balaa Geesise.


Koleejii Teknikaa krimiyaa keessatti haleellaa Bombii fi ajjechaa namoota 18 dhaqqabee yoo xiqqaate nama 50 madeesseef itti gaafatamaan bartaa umriin waggaa 22 ta’u qorattonni Raashiyaa beeksisanii jiru.

Qorattonii fi Daayreekteerri koleejichaa akka jedhanti hidhataan dhohiinsa sana erga dhaqqabsiisee booda gamoo koleejichaa seenee nama itti dhufe mara dhukaasuun ajjese.

Krimiyaa keessatti Angawaan sadarkaa olaanaa kan Raashiyaa Sergee Aksyonov akka ibsanti hidhataan kun eega balaa geesisee booda of-wareege.

Prezidaantiin Raashiyaa Vladmir Putin dhimmi kun guutummaatti akka qoratamuuf ajaja kan kennan ta’u Dubbii himaan isaanii ibsanii maatii gadda keessa jiraniif jajjabiina hawwuu isaanii ibsamee jira.

Kanneen ajjefaman kun irra hedduun barattoota ta’u ibsamee jira.Putin Moskoo keessatti ibsa kennaniin gocha kana keessa nama tokko caalaan harka qabaachuu mala.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG