Xurree ittiin seenan

Breaking News

Briteen Gamtaa Awuroopaa Keessaa Ba’uuf Danqaa Mudatee Gam Lameen Fala Barbaachuu Qabu.


Briteen gamtaa Awuroopaa keessaa akkaataa itti baATU kan ilaaleen mummitiin Ministeera Briteen Teresaa Mey hogganoota gamtichaa waliin dubbachuu dubbachuu malu.

Baatilee hedduuf mariin gaggeffame hariiroon jiru akka hin diigamne gama gochuun walii galtee kan argamsiise yoo ta’u danqaa kan ta’an dhimmotiin ijoon jiru.Kunisa daangaa Ireland gama kaabaa fi Ireland ishee miseensa gamtaa Awuroopaa taate gidduu jiru attamitti ilaalamuu qaba? Kan jedhu tokko.

Teresaa May gamtaa Awuroopaa irratti haasawaa eega dhageesisanii booda hogganoonni ka biroon 27 iraabata irratti wal arguun walii galtee Briteen waliin jiraatu irratti mari’atu.

Prezidaantiin kawunsilii gamtaa Awuroopaa Donald Tusk akka jedhanti walgahii gaafa Robii kana dura Teresaa mey danqaa kana cabsuuf yaada qabatamaa qabu yoo ta’e nan gaafadha jedhan.

Kun Briteen gamtaa Awuroopaa keessaa ba’uuf rakkoo danqaa ta’an furanii gara fuulduratti tarkaanfachisuuf gargaara jedhan Tusk.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG