Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggoonni Finfinnee Kanneen Hidhaa Keessa Turan Ni Hiikaman

Dhimma nageenyaan wal qabatee kanneen to’annaa jala turan fi Xolayitti leenjii fhudhataa kan turan dargaggoonni 1,174 hidhaa dhaa gad dhiifamaniiru.

Dargaggoonni kun hara’a waaree irratti gad dhiisamuu isaanii itti gaafatamaan quunnamtii uummataa komiishina poolisii Finfinnee komaander Faasikaa Faantaa sabaa himaa biyya keessaaf ibsaniiru.

Akkuma kanaan dargaggoonni kun baatii tokkoof yakka irraa of fageessuu akkasumas leenjii wal fakkaatu fudhachuu fi yeroo murtaa’eef waan xumuraniif gara maatii isaaniitti deebi’aniiru.

This item is part of
XS
SM
MD
LG