Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Biyyoota Amerikaa Waaltaa Sadii Irraa Gargaarsan Kuta jedhan


Prezidaant Doonaald Traamp Guatemala, Honduras fi El Salvador koolu galtoonni biyya isaanii gad dhiisanii seeraan ala Ameerikaa seenuu dhaabsisuu waan hin dandeenyeef gargaarsa alaa biyyoota kanaaf kennamu akkaan kan gad xiqqeessan ta’uu beeksisan.

Wixata har’aa yaada fuula twitter isaanii irratti kana kan maxxansan, ennaa koolu galtoonni kuma hedduutti laka’aman irra hedduun Honduras irraa ta’an hookkara fi hiyyummaa biyya ofii keessaa baqachuuf jecha kaleessa halkan magaalaa Mexico Tapachula jedhutti wal ga’uu dhaan gara Ameerikaatti yaa’uuf ennaa yaalanitti.

Traamp akka jedhanitti kan nama gaddisiisu poolisiin Mexico fi waraanni biyyattii warren Caravan gara daangaa gama kibba US-tti yaa’aa jiran dhaabsisuu hin dandeenye.

Yakkamtootaa fi warren giddu galeessa gama bahaa eenyummaan isaanii hin beekamin jara kanatti makamaniiru jedhan. kanas waarsiyyaalee daangaa fi waraanatti beeksiseera jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG