Xurree ittiin seenan

Breaking News

Reeffi Gaazexeessaa Turkii Keessatti Ajjeefame Hin Argamin Jira


Viidiyoon haarawaa Istanbul irraa ba’e akka mul’isutti ergamaan Saaudii tokko huccuu Jamal Khashoggi uffatee ennaa keellee Onkoloolessa 2 qoonsilaa Riyaad keessaa ennaa gad ba’e argame, kunis ajjeechaa sana dhoksuu yaaluu dhaan waan inni achii gad ba’u fakkeessuuf ta’uun gabaasamee jira.

Viidiyoon sun humnoota naga eegdota Turkiin kan kaafame ennaa ta’u har’a CNNf mul’ifamee jira.

Viidiyoon kun kan mul’ifame ennaa angawoonni Saaudii du’uu Kashoogii kan US keessa baqaan jiraatuuf gaazexaa Washington Post irratti mooticha Saaudii fi dhaaltoo gonfoo Mohammed bin Salman Riyaad walitti bu’iinsa Yemen keessa harka galfachuu isaanii qeequun barreesssee jira.

Saaudiin duraan Kaashoogiin keellaa qonsilaa gad dhiiseera jechuun eessa akka inni jiru quba kan hin qabaanne ta’uu beeksiste. San booda immoo lola keellaa sana keessatti ka’een abootteen nama waliin wal dha’uun du’e jettee jirti. Amma immoo qoonsiilaa Sanaa ba’ee gargaarsaaf akka hin iyyanne hudhamee du’e jedhamee jira.

Reeffi Khaashoogii eessa akka jiru hin beekamin jira. Angawoonni Turkii dararaan erga irra ga’ee booda ajjeefamuun kukkutame jedhan.

Prezidaantiin Turkii Ecep Tayyip Erdogan bor paarlaamaa isaaniif haasaa ennaa dhageessisan dhimma kana bal’inaan ibsuuf kan jiran ta’uu dubbataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG