Xurree ittiin seenan

Breaking News

Handaara Galaana Taanzaaniyaatti Lammiiwwan Itoophiyaa Torba Du'an


Bidiruun namoota 13 feetee gara Afrikaa Kibbaatti qajeelaa turte handaara galaan Taanzaniyaatti garagaltee lammiwwan Itiyoophiyaa 7 har’a du’u polisiin Taanzaaniyaa beeksisee jira.

Komishinarri polisii kutaa Tanga Komaandar Edwaaard Bukombee akka jedhnti bidruun kaleessa kaate kun kanneen feete turtee 13 keessaa 12 lammiwwan Itiyoophiyaati.

Namnii biraan bidruu sana oofaa ture eessa buteen isaa waan dhabameef lammii biyya kami akka ta’e hin beekamiin jira.Hojiin isa barbaachuus kan itti fufee yoo ta’u kanneen lubbuun hafan 5 baraarafamanii jiru.

Bukombeen akka jedhanti waajirri immigreshinii Tanzaaniyaa Embaasii Itiyoophiyaa kan qunnaman yoo ta’u kunis sirnii awwaala isaanii attam akka ta’u akkasumas fi kanneen lubbuun hafan maal akka ta’uuf jiran irratti dubbatan.

Kanneen lubbuun hafan akka jedhanti gara Afrikaa Kibbaatti qajeelaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG