Xurree ittiin seenan

Breaking News

Torban Darbee Namnii 8 Ajjefamuu Aangawaan Beneshaangu Gumuz Ibsa


Bulchiinsa naannoo Beneshaangul Gumuuz godina kamaashii aanaa Baloo Jigaanfoo fi Godina wallaggaa Bahaa aanaa Diggaa kanneen wal daangeessan irratti Kamiisa darbee jechuun Onkolooleessa 8 bara 2011 walitti bu’iinsii irra deebi’ee ka’een namnii 8 ajjefamuu aangawoonni nageenyaa ibsanii jiru.

Naannolee lameen keessaa manneen gubachuun ibsamee jira kan ibsamee yoo ta’u godina kana keessatti baatii tokko kan lakkofsisee waliitti bu’insii fi godaansii uummataa qabana’aa fi deebi’ee ka’aa jira jedhu jiraattonni.

Bulchiinsaa fi nageenya naannoo Beneshaanguul Gumuz irraa Komaandar Iddosaa Goshuu walitti bu’iinsii kun irra deebi’ee ka’u mirkaneessan.Angawaan kun akka jedhanti walitti bu’iinsa uumamee qabaneessuf aangawoota bulchiinsa naannoo oromiyaa fi kan Federaalaa wajjiin hojjataa kan jiran ta’uus wal dhabdee namoota dhunfaa giddutti uumameen babal’atee lubbuu nama hedduu dhabamuuf sababii ta’e jechuu isaanii waahilli keenya afaan Amaaraa Tsiyoon Girmaa gabaastee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG