Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa hardha Ganna 73essoo ulfeeffate ‘rakkoon addunyaa haga dabartullee ufi hin jibbaannu’


UN Logo
UN Logo

Tokkummaan Mootummootaa hardha ganna 73essoo ulfeeffate ‘rakkoon addunyaa haga dabartullee ufi hin jibbaannu’jedha itti gaafatamaa isaanii hardha yayyabe.

Bara 1945 hujii jalqabe.Eegii sunii asi dhiba addunyaa tanaa waan akka akkaatii falaa itta jira Tokkummaan Mootummootaa. Gaafa yayyaban shanan murtii murtii olii qaban Veto Power Members jedhan waliin biyya 50tti Tokkummaa Mootummootaa yayyabe.

Gannii 73ssoo isaanii hardha irra oola.Itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa,Antoniyoo Gutersi dhiiraa fi dhalaa isaatiin akkuma durii jireenna namaa jijjiiruuf hojjadhaa jedhee dhaamate.

Tokkummaa akkuma durii Mootummootaa hojjattootiiseerii Tokkummaan Mootummootaa abdii ilmee namaatii baasee buluun kun guyyaa guddaa guyyaa ulfinna qabullee.

Guteeres akkana jedhee viidiyoon addunyaatti ergaa dhaamate. “Hiyyumtii hagaa dabraa addunyaa irraa diqqaachaa deemuutti jirti.Taatullee dureessaa fi hiyyeessaa akka malee wal hanqata.Yoo sun walti dhiyeessine namii abdii fi milkii horata.

Qilleensii jijjiiramee nu qolchuutti jira tana irralleetti Guteeres ufi hin jibbaannu jedha. "Maan jennaan jijjiirama kana qajeelchuu malle.Fulaa hedduutti namii mirga dhabuutti jira.Tanallee ufi hin jibbaanu.Maan jennaan yoo namii ulfinna qabaate laftii nagaa taati.”

Guyyaan dhaloota Tokkummaa Mootummootaa hardha “waadaa Tokkummaa Mootummootaatii galle haaressinee hojjachaa,addunyaa fayyifachaa, akka namuu duubatti hin hamne hojjachuu malle jedhe.uflinna namaa cufaa jabeeffachaa yaana,” jedha.

Aaddee Hiruut Zemmenee minsitrea deettaa misntiea haajaa alaati.Akka aaddee Hiruutitti Itoophiyaan warra Tokkummaa Mootummootaa yayaybe keessaa tokko.

Dhaabbilee Tokkummaa 28 isii keessa jira. Tokkummaan mootummootaa dhaaba addunyaa guddaa qooda addunyaa keessaa qooda guddaa qabullee

Tokkummaa Mootummootaa biyya 50 yayyabe Afrikaa keessaa Itoophiyaa fi Masrii, Afrikaa Kibbaa ta ammaa faatti keessa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG